Guyyaan sabootaa, Sablammootaa fi Uummattoota Itoophiyaa 15ffaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti kabajamaa jira.

52

Finfinnee, 23/2013(TOI)- Guyyaan Sabootaa, Sablammootaa fi Uummattoota Itoophiyaa 15ffaan dhaadannoo 'Walqixxummaa fi Tokkummaan Sabdaneessi Badhaadhina waloof' jedhuun guyyaa har'aa sadarkaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti Galma walgahii Ganda Gadaatti kabajamaa jira.

Sirna kabaja ayyaanichaa kanarratti Af-Yaa'iin Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Aadde Hinseenee Mohaammed akka jedhanitti, ayyaana bara kanaa yemmuu kabajnu wanti adda godhu garee Juuntaa TPLF waggaa 27 oliif biyyatti saamaa fi samsisaa ture tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachisuu mootummaan federaalaa fudhateen yeroo garicharratti injifannoon boonsaan argameera.

Dabalataanis Magaalaan Adaamaa Magaalaa Sabaaf Sablammoonni biyyattii hunduu osoo garaagarummaa amantaafi Sabaan wal hinqoodiin tokkummaa fi waldanda'uun keessa jiraataniidha jedhan.

Aadaan waldanda'uu akkanas gara fulduraatti rakkoo takko malee cimee akka itti fufu Bulchiinsi Magaalichaa kutannoon kan hojjatu ta'as jedhaniiru.Ayyaanicharratti waraqaan qorannoo 'Sochii faallaa Heeraa garee TPLFn taasifamaa turee fi Sirna Federaalaa baraaruuf tarkaanfi mootummaan Federaalaa fudhachaa jiru' dhiyaatee irratti marii paanaaliin kabajamaa jira.Gabaasni kan OBN dha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015