Itoophiyaatti damee teekinooloojii baayoo gaazii fooyyessuuf sanadiin wixinee imaammataa qophaa'ee mana maree ministirootaaf dhihaate

114

IFinfinnee Guraandhala 16/2011 Itoophiyaatti damee teekinooloojii baayoogsszii fooyyessuuf sanadiin wixinee imaammataa qophaa'ee mana maree ministirootaaf dhihachuusaa inistiitiyuutiin Teekinooloojii baayoo ibse.

Inistiitiyuutiin qorannoo qonnaa Itoophiyaa inistiitiyuutii qorannoo naannoo fi bosonaa Itoophiyaa waliin ta'uun baayoo teekinooloojii ilaalchisee marii qorannoo taasiseera.

Itoophiyaatti damee baayoo teekinooloojiitiin humni namaa leenji'ee fi bu'urri misoomaa qindaa'e dhabamuu, ragaan baayoo taakinooloojii muraasa ta'uu, akkasumas damee kanaaf deeggarsa faayinaansii gochuu dhabuu fi sirni onnachiiftuu cimaan dhabamuun rakkoolee damee kanaati.

Sirni qorannoo fi beeksisuu rakkoo kan hiikuu fi gabaa hubannaa keessa kan hin galchine ta'uun, cehumsi teekinooloojiis sagantaawwanii fi fedhii teekinoloojii misoomaa biyyattii waan hin bu'uureffannee fi beekumsi qabeenya lubbu qabeeyyii biyyattii teekinooloojii ammayyaatiin deeggaramuu dhabuun rakkoo biraati.

Gama biraatiin qorannoo fi misoomni baayoo teekinooloojii biyyattiitti adeemsifamaa jiran kan faffaca'aa ta'uu, mootummaa fi dhaabbileen mit mootummaa qindaa'anii hojjechuu dhabuun, walitti hidhiinsi gabaa dadhabaa ta'uu, teekinooloojicha alaa galchanii madaksuuf walitti hidhiinsi akka ardiittis ta'e idil addunyaatti gadi aanaa ta'uunsaa hudhaalee kanneen birooti.

Wayita ammaa rakkoolee kanneenii fi kanneen biroo hiikuudhaan damee kana sirriitti guddisuudhaan faayidaarra akka oolu gochuuf sanadiin wixinee labsii qophaa'ee xumuramuusaa daarektarri olaanaa inistiitiyuutii baayoo teekinooloojii Itoophiyaa Dr. Kaasaahuun Tasfaayee  ibsaniiru.

Kunis qorannoo fi misoomni baayooteekinooloojii gama qonnaa, fayyaa, industirii, naannawaa fi dameewwan wal fakkaatanirratti babal'isuudhaan oomishaalee fi tajaajiloota baayoo taakinooloojii qulqullina qabu hawaasaaf dhiheessuudhaan jireenyasaa fooyyessuudhaan ijaarsa dinagdee biyyaatiif gumaacha taasisuuf yaadamee akka ta'e itti amanameera.

Hojmaata qindaawaa qaamolee dhimmi ilaalu damee kanarratti bobba'anii cimsuu fi qorannoo fi misooma damee kanaatiif sirna deeggarsa faayinaansii  diriirsuuf damee kanatti seerri barbaachisu akka jiraatuu fi hojiirra akka oolu taasisuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Addunyaarratti biyyoonni Ameerikaa, Awurooppaa fi Isiyaa keessa jiraatan bu'aa baayooteekinooloojiitiin gama qonna, fayyaa fi industirii fi gama birootiin ummatasaanii fayyadamaa taasisuurra darbanii sharafa biyya alaatiif madda ta'uusaanii ragaaleen ni agarsiisu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015