Finfinneetti torbee dhufu waraqaan eenyummaa dijitaalaa jiraattotaaf kennamuu ni eegala

102

Guraandhala 16/2011 Finfinneetti xumura torbee dhufuu irraa eegalee waraqaan eenyummaa dijitaalaa jiraattotaaf kennuu akka eegalu ejensiin galmeessa ragaalee bu'uraalee magaalaa Finfinnee beeksise.

Ejensichatti itti aanaan daarektara olaanaa dameen tajaajila jiraattotaa obbo Mahaammad Abduraahiim tajaajila oduu Itoophiyaatti akka himanitti, dhaabbatichi tajaajilicha ammayyeessuuf hojjechaa jira.

Waraqaan eenyummaa dijitaalaa haaraan kutaa magaalaa Addis Katamaatti tajaajila kan eegalu yoo ta'u, kana milkeessuufis kaardiin waraqaa eenyummaa ga'aa ta'e qophaa'uusa himaniiru.

Kutaa magaalaa Addis Katamaatti ciminnii fi hanqinni kenniinsa waraqaa eenyummaa haaraa ilaalamee fuulduraaf aanaalee kutaa magaalaa hunda keessatti kennuun ni eegalama jedhaniiru.

Waraqaan eenyummaa haaraan eenyummaa sabaa fi bakka dhalootaa kan ibsu of keessaa kan hin qabne yoo ta'u, garuummoo gosni dhiigaa akka keessa galu taasifamuunsaa ibsameera.

Galmeewwan ragaa bu'uraalee dhalootaa,gaa'elaa, gaa'ela diiguu fi du'aa Adoolessa 30 bara 2008 jalqabee galmeen sooftiweerii bifa ammayyaatiin tajaajilli kennamaa akka jiru daarektarri ragaa fudhatuu fi dhiheessii odeeffannoo obbo Anteeneh Kaasaa dubbataniiru.

Haa ta'u malee tajaajilli jiraattotaa bifa bittinna'een waraqaarratti kan hundaa'e akka ture kan kaasan obbo Anteneh, tajaajila kana dijitaala gochuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Tajaajilli waraqaa eenyummaa jiraattotaa ammayyaa'uunsaa waliin dhahuu gama kanaan mul'atu hir'isuuf ga'ee guddaa akka qabaatu kan eeran daarektarri ittaanaa olaanaa kun፣ kenniinsi waraqaa eenyummaa kun sadarkaasaa kan eegee fi ashaaraadhaan kan deeggarame akka ta'e kaasaniiru.

Tajaajilli kun dhiheessii Interneetii kan barbaadu waan ta'eef ciccituun neettiwoorkii akka hin quunnamne ejensiin saayinsii fi teekinooloojii Finfinnee Itiyoo telekoomii waliin hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

Waraqaan eenyummaa duraanii guutummaatti dijitaaliidhaan amma geeddaramutti kenniinsi waraqaan eenyummaa duraanii akka itti fufu obbo Mahaammad himaniiru.

Kutaa magaalaa Gullalleetti jiraataan aanaa 03 obbo Li'ulsaggad Balaayi፣ waraqaan eenyummaa amma ammaatti jiru ammayyaa'aa miti, elektironiiksii waan hin taaneef salphaatti mancaatiif saaxilama jedhaniiru.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee waraqaa dijitaalaa jalqabuuf jechuunsaa akka isaan gammachiise kan dubbatan obbo Li'ulsaggad, hatattamaan hojiirra oolchuudhaan waliindhahuu hir'isuu barbaachisa jedhaniiru.

Waraqaan eenyummaa dijitaalaa jalqabamuuf jedhamuunsaa faayidaansaa olaanaa ta'uusaa kan dubbatan hojii adeemsisaan waajjira galmeessa ragaa bu'uraalee aanaa kanaa obbo Wudduu Asaffaa, namni tokko waraqaa eenyummaa al tokko qofa akka kennamuuf taasisuudhaan yakka waraqaa eenyummaa addaddaa baasuudhaan hojjetamu ni hanbisa jedhaniiru.

Keessumaa teekinooloojii ashaaraa qubaa fi ijaa fudhatu kan fayyadamu ta'uunsaa tajaajilicha ammayyeessuuf, amanamummaa ragaawwan seera qabeessaaf faayidaansaa olaanaa ta'uunsaa kaasaniiru.

Kutaa magaalaa Gullalleetti jiraataa aanaa tokkoo kan ta'an komaandar Mahaammad Huseen waraqaan eenyummaa haaraa jalqabamu eenyummaa sabaa of keessatti waan hin qabanneef gaaffii namoota baay'ee akka deebisu dubbataniiru.

Kana malees waraqaan eenyummaa kun akkuma biyyoota badhaadhanii sadarkaasaa kan eegee fi eenyuyyuu salphaatti sobaan qopheessuu kan hin dandeenye ta'uunsaa gaarummaa isa biraati jechuun ibsaniiru.

Kutaa magaalaa Yekkaatti itti gaafatamaan waajjira galmeessa ragaalee bu'uraa fi tajaajila jiraattotaa aanaa lamaa obbo Malaakee Biraanuu, adeemsi ammayyeessuu tajaajila jiraattotaa  rakkoo galtee fi hir'ina hojjettootaa furuurraa jalqabuu qaba jedhaniiru.

Itti aanaan daarektara olaanaa galmeessaa ragaa bu'uraalee fi tajaajila jiraattotaa obbo Mahaammad Abduraahiim, tajaajila jiraattotaa aanaalee hundatti ammayyeessuuf hojjettoonni marsaa addaddaatiin leenji'aa akka jiran ibsaniiru.

Sadarkaa jiddu galeessaatti kenniinsa tajaajila jiraattotaa haaraa jalqabamuuf hojjettoota idileetiin ala ogeeyyonni 'ICT' ga'umsa qaban 20 dabalataan ramadamuusaanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015