Juuntaan kun hogganaa Adda hogganu dhiisaati loltuu tokko iyyuu booji’iuu hin danda’uu ,Aanaan kan booji’uu Uummataa Itiyoophiyaa qofadha, jedhan Leetanaal Jenaraal Baacaa Dabalee

88

Finfinnee Sadaasa 20/203(TOI) -Juuntaan kun hogganaa Adda hogganu dhiisaati loltuu tokko iyyuu booji’iuu hin danda’uu ,Aanaan kan booji’uu Uummataa Itiyoophiyaa qofadha, jedhan Leetanaal Jenaraal Baacaa Dabalee.


Gareen Juuntaa TPLF meeshaalee waraanaa hatee Miilishaa hidhachisuun qofa naan moo’adha jechun isaa gowwaa ta’uu isaanii hubannee jedhan.
Duula xumuraa marsaa sadaffaan erga Maqalee too’annee booda hojii uummataa tasgabeessuufi miseensota garee Juuntaa TPLF kateenaa harkatti hidhun seeratti dhiyeessuuf hojjetaa jirra jedhan.


Gareen Juuntaa TPLF waraannii maal akka ta’ee osoo hin beekiin Hogganaa Adda hogganu tokko boojineerra jedhe odeessaa tureera.


Kun immoo gowwaa ta’uu isa mul’isa jedhan yeroo ammaa kana hojiin keenya inni guddaan garee Juuntaa TPLF kaateenaa itti kaa’uun seeratti dhiyeessuudha jedhaniiru ,Leetanaal Jenaraal Baacaa Dabalee ibsa miidiyaadhaaf kennaniin.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015