Raayyaan ittisa biyyaa Maqalee fi garee Juuntaa toohachuuf iddoowwan tarsiimawaa ta'an qabatee jira

734

Finfinnee sadaasa 18/2013(TOI)- Raayyaan ittisa biyyaa magaalaa Maqalee fi garee juuntaa toohachuuf kan dandeessisu iddoowwan tarsimawaa qabachuu beksisee jira.

Uummanni tigraay guyyaa jalqabaa irraa eegalee deegarsa raayyaa ittisa biyyaaf qabu mullisaa ture.

Raayyaan ittisa biyyaa hawuzeen,alnajaashii,adiqayih,maymasanoni fi wuqroo garee hidhataa juuntaa harkaa bilisa baasee jira.

Gareen hidhataa juuntaa nagaan akka harka isaa kennu sa'aatii 72 kennamefitti fayyadamuu dadhabuun guyyaa kaleessaa irraa eegalee hojiin seera kabachiisuu itti fufee jira.

Ittigafatamaan olaanaan leenjii waliogalaa raayyaa ittisa biyyaa letanal jeneraal Hasan Ibrahim TOIf akka ibsanitti hojiin seera kabachiisuu bu'aa buusuun magalota gara garaa garee juuntaa harkaa bilisa baasuun danda'amee jira jedhan.

Raayyaan ittisa biyyaa adda Adawaan socho'aa jiru Hawuzeen,Abraha wa astibahaa fi wuqroo kan toohate yoo ta'u Agulaa immoo walakkaa guyyatti toohachuu beksisan.

Yeroo ammaa maqaleetti dhiheenya irratti kan argamu gara Masaboo imalaa kan jiru yoo ta'u kunis maqalee guyyoota muraasa keessatti toohachuuf kan gargaarudha jedhan.

Gama adda addigiraatiin immoo Sanqaxaa fi Alnajashii toohachuun wuquroo galee jira.

Adda raayyatiin immoo addiqahii fi hewaanaa toohachuun mishigiiwwan hunda cabsuun fulduratti imalaa jira jedhan.

Maqalee toohachuuf boqqonnnaa waligalaa irra kan gahame yoo ta'u raayyaan dirqama kana haala kamiin akka toohatu qophii gahaa taasisuun garee juuntaa kana toohachuuf imalaa jiras jedhan.
uummanni tigraay garee juuntaa kana uummata irraa adda baasuun deegarsa raayyaa ittisa biyyaaf deegarsa qabu agarsiisaa jiras jedhame.

Juuntaan piropaagaandadhanis duubatti baqachuun injifatamuu isaa mirkaneessa jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015