Magaalaa Finfinneetti dhaabbileen 22 ol naga’eedhan ala gurgurtaa raawwata turan to’atamu Biiroon Galiiwwaan magaalaa Finfinnee beeksise.

70

infinnee, Sadaasa 18/2013 (TOI) –Magaalaa Finfinneetti dhaabbileen 22 ol naga’eedhan ala gurgurtaa raawwata turan to’atamu Biiroon Galiiwwaan magaalaa Finfinnee beeksise.

Biirichi sata'insa tasaa taasiseen dhaabbilee kanneen to’anna jalaa olchu beeksiseera.

Itti gaafatamaan biiricha obbo Mulugeeta Tafarraa akka ibsanitti, magaalichatti hordoffii dhaabbilee garaagaraa irratti taasifameen dhaabbileen kunneen to’atamaniiru jedhan.

Dabalataniis kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftoo aanaa 6 bakka Qeeraa jedhamutti namoonni dhuunfa 2 uffata poolisii uffachuun waraaqa eenyummaa sobaa biiroo galiiwwanii hojjesisuun gibira kaffalaa jechuun hawaasa burjajjeessaa turan to’annaa jala olaaniru jedhan.

Namoota to’anna jala olaan irrattis poolisiin qoranna gaggeessaa jiraachuus ibsaniiru.

Hawaasnis gochaa akka kana wayita argutti sarara bilbilaa 7075 bilisaan bilbiluun eeruu akka laatu obbo Mulugeetaan waamicha dhiyeessaniiru jedhamera.

Maddi:- Pirees Seekireetaariyaatii Bulchiinsa Magaalaa Finfinneerraa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015