Wiirtuun deeggarsaa Chaayinaa-Afriikaa Beejiingitti baname.

134

Finfinnee, Sadaasa 17/2013(TOI)- Wiirtuun deeggarsaa Chaayinaa-Afriikaa Beejiingitti baname.

Wiirtuun hojiifi deeggarsa misooma magarisaa Chaayinaafi Afriikaa qindeessu Magaalaa Chaayinaa Beejiingitti banamun himameera.

Wiirtichi gama eegumsa naannoo,misooma magaarisaafi itti fufinsaan ajandaa Akka Lakkoofsa Awuurooppaa bara 2030fi 2063 qabame milkeessuf ni gargaaras jedhameera.

Sirna baniinsa kanarratti hasawa kan taasisan Ministirri Eegumsa naannoo Chaayinaa Hungi Runkiwu walitti dhufeenyi Chaayinaafi Afriikaa wiirtuu hawaasaf mijaata ta’e uumuufi milka’ina jireenya foyya’aaf shoora olaana taphata jedhan.

Yeroo dhiyoo as qofa hojiiwwaan eegumsa naannoofi jijjirama qilleensa Chaayinaafi Itiyoophiyaan hojjataniin hariiro milkii qabu uumaniiru,faayidan wiirtichas hariiroo jalqabame ciminaan itti fufsisuuf ni fayyadas jedhameera.

Chaayinaan biyyoota Afriikaa 5 waliin Akka lakkoofsa Awuurooppaa bara 2015 irraa jalqabe eegumsa naannoofi falama bishaani ittisuuf waliin hojjachuuf waligalteerra gahu Ministirri Eegumsa naannoo Chaayinaa Hungi Runkiwu himaniiru.

Haluma kanan Itiyoophiyaafi Afriikaa Kibbaatti namoonni 900 ol bulchinsa eegumsa naannoo Magaalaafi to’annoo faalama bishaanin leenjii fudhachuusaani CGTN gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015