Finfinnee miidhagduu dhalootaaf dabarsuuf hojiin jalqabame itti fufa---itti aanaa kantiibaa Taakkalaa Uumaa

61

Finfinnee 14/2011 Finfinnee akkuma maqaashee bareechanii dhalootaaf dabarsuuf hojiin jalqabame cimee akka itti fufu itti aanaan kantiibaa magaalatti  Injiinar Taakkala Uumaa dubbataniiru.

Itti aanaa kantiibaan laggeenniifi qarqara laggeen Finfinnee  misoomsuuf pirojektii haaraa ifaan yeroo itti jalqabsiisanitti ``tulluwwan olka’aa irratti kan argamtu magaalaan Finfinnee akkuma maqaaashee haaraa taatee dhalootaaf kan dabartu magaalaa miidhagduu gochuu qabama`` jedhaniiru.

Hooggansa ministira muummee doktar Abiyyiin gargaarsa bulchiinsa magaalattii, jiraattotaa fi darggaggootaan dhalootaaf kan darbu magaalaa raajii ijaaruu iitti fufna jedhan injiinar Taakkalaan.

Pirojeektichi dhalootaaf kan darbu ashaaraa dhalootaa kan qabuu fi hundi keenya duudhaa qabnu kan ittiin dabarsinu waan ta’eef gammaduu qabna jedhaniiru.

Pirojeektichi magaalattiin akkuma maqaasheetti akka jiraattuuf laggeenii fi qarqara laggeenii hunda bakka teessuma balfaa osoo hin taane dhalli namaa keessumaa dargaggoonni taa’anii mari’achuun yaada kan itti waljijjiiranii fi dhaloota dhufuuf biyya waliinii fooyyoftuu ijaaruu kan dandeessisu akka ta’e ibsaniiru.

Pirojektichi gaara Inxooxxoo irraa  ka’ee piyaassaa dhuunfatee hanga maasara biyyoolessaa mootummaa kan lufu fi akkasumas karaa ministeera haaja alaa hanga garaajii maasara mootummaatti kan darbu ta’ee akka agarsiisaatti kan jalqabamudha jedhaniiru.

Magaalattiitti tarsiimoon misoomaa uummanni ishee misoomichaa wajjiin guddachuuf kan dandeessisu malee nama dhuunfaa tokko abba qabeenyaa gamoo kan biraa immoo godaansisuuf kan hojjetamu akka hin taane dubbataniiru.

Itti gaafatamaan biiroo aadaa fi turiizimii Finfinnee  gargaaraa piroofeesaraa Nabiyyuu Baayyee gama isaaniitiin magaalattiin argama hambaawwan gorguddoo baay’ee qabdi, masaraa moototaa, mana amanatootaa fi gabaawwan gorguddoo akka markaatoo faadha jedhaniiru.

Kana malees uummanni Itoophiyaa jaalalaan, tokkummaa fi dhiigaan walitti hidhamanii magaalaa  keessa jiraatan ta’uu ishee hubachiisaniiru.

Pirojektichi ofii keenya bashannanaa teenyee kan itti mari’annu ijoollee keenyaa dhaalchisuu kan qabnu bakka bashannanaa, bakka maree fi bashannanaa qabaachuu isaa dubbataniiru.

Raawwii pirojektii kanaaf qarshii biiliyoona 2.5 qabamuun isaa ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015