Qabannaa, sochoosuuu fi itti fayyadama meeshaa waraanaa ilaalchisee labsiin qophaa’aa jira –Poolisii federaalaa

63

Finfinnee Guraandhala 14/2011 Itoophiyaatti babal’achaa kan dhufe meeshaa waraanaa seeraan alaa to’achuuf ``qabannaa  meeshaa waraanaa,naannessuu fi fayyadamasaa`` ilaalchisee labsiin qophaa’aa jiraachuu isaa komishiniin Poolisii federaalaa beeksise.

Gurmaa’insa jijjiirama dhaabbataa komishinii poolisii keessatti adeemsifamaa jiruilaalchisee ibsi gaazexessaa kennameera.

Komishinar jeneraalliin komishinii poolisii federaalaa Indashaawu Xaasoo ibsa kanaan akka jedhanitti, yeroo ammaa biyyattii keessa haalli meeshaan itti qabamuu fi qajeelfamni ifaa ta’e  hin jiru.

Sababa kanaan qaamolee nageenyaas ta’e namoonni dhuunfaan haalli meeshaa waraanaa itti qabatamuu fi itti fayyadamu akkuma barbaadametti akka ta’e ibsaniiru.

Kanarraa kan ka’e gosni meeshaas ta’u haalli itti fayyadamuun danda’amu federal poolisii, humni naannoo, milishaa fi qaamoleen nageenyaa kanneen biroof eeyyamamuu fi hin eeyyamamiin ifatti hin beekamu jedhaniiru.

Labsiin Wixinee kan qophaa’e hojmaata sirna hin qabne kana karaa qabachiisuun meeshaa seeraan ala biyyattii keessatti deddeebi’u hanbisuun haala danda’amu uumuu ta’uu komishinar jeneraalichi himaniiru.


`` Namootni dhuunfaas ta’an humni nageenyaa meeshaa waraanaa qabachuu danda’an sadarkaa isa kam  ta’uu akka qabu ulaagaa kaa’ameen adda ba’uun hojiirra ni oola`` jedhan komishinar.

Sababa kanaan humna nageenyaanis ta’e dhuunfaan qabannaa fi itti fayyadaminsi meeshaa waraanaa kan hoogganamu akka feeteetti jechuun ibsaniiru.

Labsiin kunis kan qophaa’ee biyyattii keessatti meeshaa waraanaa seeraan alaan  gocha akka feeteen raawwatamaa jiru seera qabsiisuufidha.

Haaluma kanaan ``Namootni dhuunfaas ta’e qaamni nageenyaa meeshaan qabachuu danda’an sadarkaa isa kam ta’uu akka qabu ulaagaa kaa’amuun adda ba’ee hojiirra oola`` jedhaniiru.

Komishinar jeneraal Indaashaw akka dubbatanitti labsiin kun qophaa’uun isaa  eenyuyyuu meeshaa waraanaa dhorkame  akka barbaade  fuudhee fayyadamu dhorkuun uummata yaaddoof saaxiluu irraa ni hambisa.

Yeroo ammaa kana  wiixinee labsichaarratti  qaamolee dhimmi isaa ilaallatu garaagaraa waliin mari’achaa kan jiran yoo ta’u, adeemsi qophichaa harka 98 ol xumurameera.

Komishina poolisiitti jijjiiramni ijaarsaa godhamaa jiru gama humna namaa, fooyya’insa qindaa’inaa fi qajeelfamaa, itti fayyadaminsa teeknooloojii, filannoofi guutamuu loojistikii fi qaamolee dhimmi isaa ilaallatu waliin walitti dhufinsa jiraatu irratti kan xiyyeeffatedha jedhaniiru.

Dhaabbaticha beekumsaan, ilaalchaanii fi dandeettiin kan badhaadhe humna namaa qindaa’e cimsuuf leenjiin akka qophaa’u beeksisaniiru.

Hirmaannaa poolisii guddisuun nageenya uummataa caalaatti amansiisaa gochuuf magaalichatti humni addaa ittisa yakkaa fi qindoominni qajeefama gumuruk qophaa’aa akka jirus eeraniiru.

Dandeettii kora yakka bittinneessaa cimsuuf, hojii sakatta’insa poolisii saayinsawaa fi ammayyawaa gochuuf , sadarkaa idil addunyaatti sadarkaa isaa kan eeggate ‘DNA’ fi  ashaaraa dabalatee dandeettii sakatta’insa foorensiikii garaagaraa guddisuun qaama jijjiiramichaati jedhaniiru.

Komishiniin poolisii federaalaa itti gaafatamummaa itti kenname ga’umsaan ba’uuf hooggantoota kuma 2 fi 600 irratti sirreeffama gochuun isaa ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015