Qulqullin naannoo eeguun dhimma nama hundaati-Invaaromentaal foresti chaaritabil soosaayitii

Finfinnee Guraandhala 14/2011 qulqullinni naannoo dhimma hundaa waan ta’eef xiyyeeffannoodhaan hojjetamuu akka qabu ibsame.

Mata duree’ miilaan deemuudhaan, xuraa’aa kaasuudhaan qabeenyatti haa jijjiirru /walk and pick trash to cash/‘ jedhuun Sanbata Guraandhala 16/2011 addababayii Masqalaarraa amma Magganaanyaatti duulli qulqullinaa ni adeemsifama.

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti itti aanaan hojii gaggeessaa ejensii bulchiinsa xuraa’aa gogaa Dr. Tashoomaa Tolchaa akka ibsanitti, dhaabbannisaanii dhaabbata deeggarsaa ‘invaayiromentaal foresti chaaritabil soosaayitii’waliin wal ta’uun Sanbata Guraandhala 16 ganama sa’aatii 2:30 jalqabee addababayii Masqalaa irraa kaasee amma Magganaanyaatti sagantaa miilaan deemuu fi xuraa’aa kaasuudhaan duulli qulqullinaa akka adeemsifamu ibsaniiru.

Duulli kun kan adeemsifamu wal ta’iinsa waajjiraalee bulchiinsa qilqullinaa kutaalee magaalaa Qirqoos, Boolee fi Yekkaatiin ta’uusaa eeranii dhabbatichis dasti biinota xuraa’aan itti gatamu bakka addaddaa kaa’uu fi ammayyeessuuf hojjechaa akka jiru dubbataniiru.

Dr. Tashoomaan jiini galee turban xumuraarratti adeemsifamaa kan turee fi ministira muummee duraanii Hayilamaariyaam Dassaalenyiin eegalamee jalqabee kan ture duulli qulqullinaa qabbanaa’aa dhufuusaa ibsanii, duulli amma taasifamu hojii wal fakkaatuuf dadammaqina uumuu akka danda’u dubbataniiru.

Bakka bu’aan dhaabbata invaaromentaal foresti chaariitabil soosaayitii fi qindeessaan tola ooltotaa obbo Taammiruu Dagafaa jijjiirama qilleensaa eeguudhaan dhibeewwan akka kaansarii dhibee sammuu hir’isuuf akka gargaaru dubbataniiru.

Fuulduraafis kutaalee magaalaa biroottis duula wal qalfakkaatu gochuuf yaadamuusaa ibsaniiru.

Itti fufuunis hawaasni hundi yaada kun dhimma kooti jedhuun duula qulqullinaa kanaaf deeggarsasaa akka agarsiisu waamicha dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015