Saa’udiin Hidhamtoota Hindii 850 gadi lakkisuufi

54

Guraandhala 14/2011 Mootiin Saa’udii Mahaammad Biin Saalmaan daawwannaa Hinditti taasisaniin gita isaanii Hindii Naareendiraa Moodii hidhamtoonni akka hiikaman Gaaffiin dhihaateeraaf.

Ministirri dhimma alaa Hindi akka beeksisetti, Mootichi ministira muummee  Naareendiraa Moodii irraa gaaffii dhihaateef fudhatanii hidhamtoota Hindii 850 akka hiikan dubbataniiru.

Aljaziiraan akka gabaasetti lammiileen Hinii bay’een  mana hidhaa Saa’udiitti argamu.

Akka lakkoofsa warra Awurooppaatti amma Amajjii 2019tti qofa ajjeechaa, ukkaamsuu fi baala sammuu hadoochan addaddaa fi alkoolii waliin wal qabatee namoonni kuma 2 fi 224 hidhamuusaanii ministeerichi dabalee ibseera.

Lammiileen Hindi miiliyoona 2.7 Saa’ud Arabiyaa kan jiraatan yoo ta’u, irra caalaa hojii konistiraakshinii fi dame hojii galii gadi aanaa argamsiisan irratti bobba’aniitu hojjetu.

Haala wal fakkaatuun Saa’ud Arabiyaan Wixata darbe hidhamtoonni Paakistaan kuma 2 fi 100 akka hiikaman ajaja dabarsuushee ministeerri infoormeeshinii Paakistaan ibsuusaa gabaasni kun ni agarsiisa.

Saa’ud Arabiyaan Wixata darbe Paakistaan waliin walii galtee Invastimantii doolaara biiliyoona 20  kan mallatteessite yoo ta’u,  karaa wal fakkaatuun Hindi waliin waggoota lamaan itti aananiif hojiirra kan oolu walii galtee invastimantii doolaara biiliyoona 100 taasisuunsaanii ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015