Lammiileen Ameerikaa jalqabaa talaallii Covid-19 Muddee 11 qabee argachuu danda’u - hogganaa sagantaa talaallii vaayrasii koroonaa Ameerikaa

65

Finfinnee, Sadaasa 14, 2013 (TOI) – Lammiileen Ameerikaa jalqabaa talaallii Covid-19 Muddee 11 qabee argachuu danda’u jedhan hogganaan sagantaa talaallii vaayrasii koroonaa Ameerikaa.

Dooktra Moonseef Silaawuu miidiyaa CNNtti ''takkaa talaallichi mirkanoofnaan karoorri keenyi gara wiirtuulee talaallii sa’aatii 24 keessatti raabsuu dha,'' jechuun himan.

Yeroo isaan kana himaa jiran kanatti Ameerikaatti vaayrasiin koroonaa akkuma dabalaa jirutti jira.

Ameerikaan hanga yoonaa namoota dhukkubichaan qabaman miiliyoona 12 yoo galmeessiftu, namoonni 255,000 lubbuu dhabaniiru jedha odeeffannoon Joon Hoopkiins Yunivarsiitii.

Lakkoofsi kun akka addunyaattillee isa guddaa dha.

Dhaabanni qorichaa Faayizar (Pfizer fi BioNTech) talaalliin isaan oomishan atattamaan akka isaaniif ragga’uu iyyataniiru.

Talaalliin doozii lama qabu harka 95 akka hojjetu mirkanaa’era. Faayizar dhuma waggaa kanaarratti doozii miiliyoona 50 nan oomisha jedheera.

Bulchiinsa Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaatti koreen dhimma talaallii, Muddee kudhan walgahuun talaallicha raggaasuufi dhiisuurratti mari’ata jedhameera.

Dooktar Silaawuun qorichi kun ragga’ee guyyaa tokko yookiin lama booda kennamuu danda’a jedhaniiru.

Talaalliin kun hanga baay’ina uummataa naannoleetiin raabsama jedhameera. Dooktar Silaawuun kutaaleen biyyaa eenyu talaallicha dursee argachuu akka qabu ofii murteessu jedhan.

Haatauutii, namoonni irra caalaa saaxilamoo kan tahan, manguddootaafi hojjettoonni fayyaa dursa argachuu qabu jedhan.

Maddi:- BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015