Ministeerri Dhimmi Alaa fi imbaasoonni Ityoophiyaa biyyoota garagaarratti argamaan Hidha Haaromsaarratti maari gaggeessan.

81

Finfinnee, Sadaasa 11, 2013 (TOI)- Ministeerri Dhimma Alaa fi Imbaasiiwwan Itiyoophiyaa biyyoota garagaarratti argaman dhimma hidha haaromsaa guddichaa irratti marii gaggeessaniiru.

Maricha Imbaasiiwwan Itiyoophiyaa Aljeeriyaa, Beeljiiyeem, Faransaay, Xaaliyaanii fi Neezarlaandii ministeericha waliin ta’uun qopheessaniiru.

Maricharratti dippiloomaattoonni olaanoon,gareewwan ogeeyyii, dhaabbileen miidiyaa fi miseensoonni paarlaamaa biyyoota garagaraa hirmaachaa jiraachuu ibsameera.

Miseensoonni marii garee Itiyoophiyaa Dooktar Yohaannis Gabra Tsaadiqii fi Ambaasaaddar Rattaa Alamuu Hidha Haaromsaa Guddichaarratti ibsa kan laatan yoo ta’u, Beeljiyeemitti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Ruut Zammaan maricha dursaniiru.

Marii sadee Hidha Haaroomsaa qindeessummaa gamtaa Afrikaan Itiyoophiyaa, Sudaanii fi Gibts gidduuttii gaggeeffaama jiruuf ibsi laatameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015