Mariin Haala yeroo biyyi keessa jiru irratti fuulleffate Finfinnee kutaa Magaalaa Booleetti geggeeffamaa jira

168

Finfinnee Sadaasa 10/2013(TOI) - "Lolli Mootummaan Federaalaa murna ABUT balleessuuf jalqabe, dirqamee walabummaan biyyaa gaaffii keessa gallaan kan jalqabame ta'uu dargaggoonni hubachuu qabu" jedhame.

Mariin Haala yeroo biyyi keessa jiru irratti fuulleffate Finfinnee kutaa Magaalaa Booleetti geggeeffamaa jira.

Dargaggoonni Magaalaa Finfinnee kutaalee Magaalattii hunda irraa walitti babba'an sagantaa kana irratti hirmaataniiru.

Sagantaa kanarratti Kantiibaa itti aantuun Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeefi Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaahinaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Mallas Alam argamaniiru.

waraqaan qorannoo haala yeroo irratti fuulleffatu, hirmaannaafi fayyadamummaa dargaggootaa giddu galeessa godhachuun dhiyaachaa jira.

Dargaggoonni Magaalaa Finfinnee haala beekanii hojii fuula duraa nageenya mirkaneessuufi walabummaa biyyaa eegsisuurratti kallattii tokkoon akka socho'aniif waltajjiin kun akka qaphaa'e himameera.

Lolli amma Mootummaan Federaalaa itti seene,jaalatee osoo hin taane diqamee walabummaan biyyaa gaaffii keessa waan galeef dirqamee kan itti seene ta'uu dargaggoonni hubachuu qabu jedhame.

Yeroo Mootummaan Lola keessa jirutti dargaggoonni Naannoofi hawaasa keessa jiraatu keessatti nageenyaaf dursa kennee dhaabbachuu qabas jedhameera.

Gochoota addaa shakkii isatti uumu eerunis qaamolee nageenyaaf deeggarsa gochuu qaba.

Waraqaa mariif dhiyaachaa jiruun booda dargaggoonni yaada qaban ni dhiyeessu, Aadde Adaanech Abeebees kallatti hojii Magaalaa Finfinnee keessatti nageenya kabachiisuun walqabatee hojjatamaa jiruufi kallattii fuula duraa irratti ni dubbatu. maddi OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015