weerara awwannisaa ittisuuf mootummaan Israa'el deeggarsa taasise

78

Finfinnee Sadaasa 2/2013(TOI)- weerara awwannisaa ka'ee ture toohachuuf mootummaan israa'el diroonii 27 fi jeneretaroota 2 gumaache jedhan ministerri qonnaa.

ministirri qonnaa obbo Umar Huseen weerara awwannisaa kana toohachuuf sochii godhamaa jiru ibsan.

deegarsa diroonii mootummaan israa'el taasise weerara kana toohachuuf gahee guddaa qaba jedhan.

itoophiyaatti ambaasaddarri Israa'el Rafa'el Morif weerara awwannisaa itoophiyaatti mudate dhabamsiisuuf odeeffannoo sassabuuf kan gargaaran diroonota gumaachuu dubbatu.

jiilli israa'el naannoo somaaletti argamuun leenjii hojii irraatti hunda'e kennuun diroonota 27 fi jeneretaroota 2 gumaachanii jirus jedha odeeffannoon waajjira ministeera qonnaa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015