Gareen ABUT keessa jiru Jeettii waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa rukutee kuffiseera jechuun ibsi kennee sobadha - Meejar Jenaraal Mahaammad Tasammaa

108

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2013 (TOI) -Daayrektarri olaanaan Indooktiriineeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa mejar jenaraal Mahaammad Tasammaa gareen ABUT keessa jiru Jeettii waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa rukutee kuffiseera jechuun ibsi inni kenne soba ta’uu ibsaniiru.

MeejarJenaraal Mahaammad Tasammaa humni qilleensaa ammas bakkeewwan filatamaanirratti miidhaa qaqqabsiisuu itti fufeera jedhan.

Gareen badii kun miidhaa Raayyaan Ittisa Biyyaa qaqqabsiisaa jiruun bakkeewwan heddu gadi dhiisaa jiraachuu himaniiru.

Humni addaa fi hidhataan naannichaa nagayaa harka kennachaa akka jiran ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015