Miidhaa gareen ABUT bu’aa siyaasaa argachuuf jecha qaqqabsiisuu danda’u ummanni Tigraay of eeggachuu qaba - Paartii Dimookiratawwaa Tigiraay

98

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2013 (TOI) –Ummanni Tigraay miidhaa gareen ABUT bu’aa siyaasaa argachuuf jecha qaqqabsiisuu danda’u irraa of eeggannoo cimaa taasiisuu akka qabu Paartiin Demookraatawaa Tigiraay ibse.

Gareen badii ABUT bu’aa siyaasaa argachuuf jecha ummata naannichaarratti miidhaa qaqqabsiisuu akka danda’u itti gaafatamaan Koominiikeeshinii Paartii Demookraatawaa Tigiraay obbo Muluubirihaan Hayileen ibsaniiru.

Gareen kun jalqabaa eegalee shiraan kan guuttame, jaalleewan qabsoo fi deeggartoota isaarratti tarkaanfii fudhachuun kan beekkamu ta’uu ibsaniiru.

Gareen kun yeroo ammaa injifatamaa waan jiruuf carraa argateen miidhaa qaqqabsiisuu waan danda’uuf ummanni naannichaa of eeggannoo cimaa taasisuu akka qabu himaniiru.

Gareen badii kun dhaabbilee amantaa, iddoolee seenaa qabeessaa fi bakka ummanni itti heddumatuutti miidhaa qaqqabsiisuu waan maluuf hawaasni dammaqinaan of eeggachuu akka qabu obbo Muluubirihaan eeraniiru.

Gareen badii fi gantuun kun haleellaan raayyaa ittisa biyyaarratti raawwate akeektuudha jedhan.

Mootummaan nageenya ummataa eeguuf jecha meeshaalee waraanaa gareen kun kuufate barbadeessuun isaa waan gaarii ta’uu kan eeran obbo Muluubirihaan, badii biroo ummatarratti akka hin qaqqabsiifne of eeggannoo taasisuun barbaachisaadha jedhan.

Gareen kun wayita aangorra turees ummataaf osoo hin taane faayidaa dhuunfaa isaa qofaaf hojjetaa kan tureedha jedhaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa garee kan barbadeessuun ala kaayyoo ummata Tigraay miidhuu fi haleeluu akka hin qabne ummanni naannichaa hubachuu qaba jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015