Humnoonni Badii murna ABUT irraa ergma fudhachuun magaalaa Finfinneefi naannoolee biyyatti adda addaatti qaamooleen gocha sukkaneessaa raawwachuun biyya diiguuf socho'aa turan too'annoo jala oolan

66

Finfinnee Onkololeessa 27/2013(TOI) - Humnoonni Badii murna ABUT irraa ergma fudhachuun magaalaa Finfinneefi naannoolee biyyatti adda addaatti qaamooleen gocha sukkaneessaa raawwachuun biyya diiguuf socho'aa turan too'annoo jala oolan.

Humnoonni Badii murna ABUT irraa ergma fudhachuun magaalaa Finfinneefi naannoolee biyyatti adda addaatti qaamooleen gocha sukkaneessaa raawwachuun biyya diiguuf socho'aa turan too'annoo jala ooluusaanii Tajaajilli Odeefannoofi Nageenyaa Biyyaaleessa
beeksise.

Tajaajilli Odeefannoofi Nageenya Biyyaaleessa dhimmicha ilaalchise ibsa EBC dhaaf ergeen akka beeksisetti murna gantuu fi shiftaa ABUT irraa ergama badii fudhachuun Naannoo Gaambeellaatti Sabootaafi Sablammoota jiddutti walitti bu'iinsa uumuun naannicha dirree jeequmsaa gochuuf qaamoolee socho'aa turanirratti hordoffii godhamaa tureen too'annaa jala ooluusaanii himeera.

Qaama murna kanaa kan tahan gara magaalaa Finfinnee dhufuun ergamsaanii dhoksaan raawwachuuf wayita socho'an, namoonni Alam Dastaa Hayaloomiifi Gaat kiboom jedhamuun shakkamtoonni humna badii bakka jiraniitti adamsamuun too'annoo jala akka oolan tahheera.

Odeeffannoo duraan himameen, ummata iratti badii raawwachuun Naannicha qaxanaa hokkaraafi jeequmsaa gochuuf warra socho'an keessaa shakkamtoonni kanniin akka Tsagaayee Mabraatuu(Kaahisaay),Gabramaaraam Anaaniyaa,Waastinnaa Tashoomaa(Jaal Seenaa),Abrahaam Mahaarii,koloneel Tasfaaye(Baalesteeraa)fi walumaagalatti qaamoolee badii ABUT fi ABO Shanee 19 too'annoo jala ooluusaanii ibsichi yaadachiseera.

Haaluma walfakkaatuun Naannoo Beeniishaangul Gumuz Godina Matakkalitti badii walfakkaataa rawwachaa turan itti fufsisuun,Godinaalee Asoosaafi Kaamaashetti sabootaafi sablammmoota walitti buusuun naannicha qaxana jeequmsaa gochuun Ummata irratti qaama badii miseensa ABUT kan tahe Abbaay Tsahaayeerraa ergama fudhatanii warri socho'aa turan shakkamtoonni too'annoo jala akka oolan ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015