Manni Maree Federeeshinii sabaa fi sablammiileen biyyatti Raayyaa Ittisaa Biyyattii walliin dhaabbachuun deeggarsa barbaachisu akka taasisu waamicha dhiyeesse

54

Finfinnee, Onkololeessa 27/2013 (TOI) - Manni Maree Federeeshinii sabaa fi sablammiileen biyyatti Raayyaa Ittisaa Biyyattii walliin dhaabbachuun deeggarsa barbaachisu akka taasisu waamicha dhiyeesse.

Kabajamtoota sabaa fi sablammoota Ityoophiyaa.

Raayyaan Ittisa biyyaa keenya kutaa biyyaa keenyaa Kaabaa daangaa fi walabummaa ishee ergisisuuf ergama irra otuu jiruu, gantootaa fi ciniintota harma haadhaan miidhaa irratti raawwateera.

Raayyaan Ittisa Biyyaa yeroo dheeraaf miidhaa ummata Tigiraayirratti yaadameef gaachana ta’uun arsaa ofgochuun ittisaa turaniiru.

Hunda ol qabeenya uumaama kunuunsuu, miidhaan uumamaa wayita qaqqabetti hawaasa waliin ta’ee ittisuu, humnaa fi maallaqa isaan lammiisa isaa waliin dhaabachuun kan beekkamu ilmaan ummataa fi guyyaa rakkooti.

Gootota guyyaa rakkoo kanaaf beekkamtii fi kabaja kennuun otuu barbaachisuu gantootaan miidhaa irraa ga’uu Manni Maree Federeeshinii gadduu ibseera.

Kana waan ta’eef sabaa fi sablammiieen biyyatti Raayyaa Ittisaa Biyyattii walliin dhaabbachuun deeggarsa barbaachisu akka taasisu Manni Maree Federeeshinii waamicha dhiyeesseera.

Injifannoon Raayyaa Ittisa Biyyaa keenyaaf jedhee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015