Yaaliin waraanaa Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraayiin naannoo Amaaraa Sorroqaafi Qirqaaritti taasifamee humna addaa naannoo Amaaraatin to’annoo jala ooluusaa pireezeedantiin Naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xurunaa himan

86

Finfinnee Onkololeessa 25/2013(TOI) - Yaaliin waraanaa Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraayiin naannoo Amaaraa Sorroqaafi Qirqaaritti taasifamee humna addaa naannoo Amaaraatin to’annoo jala ooluusaa pireezeedantiin Naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xurunaa himan.

pireezeedantiichi tarkaanfi mootummaan fudhatamaa jiru ilaalchisee ibsa kennaanin kaleessa galgala kaampii Rayyaa Ittisa Biyyaa Iizii kaabaafi naannoowwan misoomni bu’uura garagaraa argamanitti humni addaa naannoo Tigraayiifi milishaan miidhaa qindoomina qabu geessisuu himaniiru.

Tarkaanfii altokkoofi yeroo dhumaaf ABUT barbadeessuuf taasifamurratti ummaanni mootummaa cinaa dhaabbachuun akka deeggaruufi naannoosaa eeggachuu akka qabuu pireezeedantiin Naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xurunaa waamicha dhiyyeessaniiru.

Naannoon Amaaraas Rayyaa waraanaa waliin ta’uun kan hojjatuu ta’uus himaniiru. EBC irraa odeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015