Manni maree bakka bu'oota uummataa FDRI har’a yaa'ii ta'een ajandoolee qabatee keessaa haleellaa lammiileerra ga’aa jiruurrati mari’ateera.

100

Finfinnee, Onkololeessa 24.20139(TOI)-Manni maree bakka bu'oota uummataa FDRI har’a yaa'ii ta'een ajandoolee qabatee keessaa haleellaa lammiileerra ga’aa jiruurrati mari’ateera.

Manni marichaa godina Wallaggaa lixaatti haleelleeaa eenyamarratti xiyyeeffachuun lammileerra gaheen miidhaa qaqqabeen gadda itti dhaga’ame ibseera.

Af yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo, gochichi itti yaadamee kan raawwatame ta’uu ibsuun, haleella qaqqabeen kaleesssa galgalaa hoggaansi mana marichaa marii taasisuun murtoorra ga’uu kaasaniiru.

Kanarratti hundaa’ee miseensi mana marichaa yaada akka laatuu taasifameera.

ABUT dabalatee gareen seeraan alaa socha’uun haleellaa qaqqabsiisaan yakka shororkeessummaan himatamanii fi tarkaanfiin akka irratti fudhatamuu yaadni dhiyaateera.

Dhimmicharratti manni marichaa erga mari’atee booda qaamni raawwachisaan mana mareetti dhiyaachuun ibsa akka laatuu, tarkaanfiin dhiifama hin qabne akka fudhatamuu fi rakkichi irra deebiin akka hin mudanneef maal murteesssu akka qaburratti yaanni murtoo akka darbuu kallattiin ka’aameera.

Dabalataanis manni marichaa koree dhaabbii adda addaa filateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015