Itiyoophiyaatti halleellaan eenyummaarratti hundaa'e raawwatamaa jirutti baayyen gadda jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaatti halleellaan eenyummaarratti hundaa'e raawwatamaa jirutti baayyen gadda jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Finfinnee OnKololeessa 23/2013(TOI) -Itiyoophiyaatti halleellaan eenyummaarratti hundaa'e raawwatamaa jirutti baayyee akka gaddan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.
Diinonni Itiyoophiyaa "yoo nuti bulchine malee biyyi hin jiraattu" jechuun ka'aniiru.
Kanaafis humna qaban hundaan fayyadamaa jiru jedhan, Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad fuula Feesbuukiisaanii isaaniirratti.
Gochi kun dandirraa gara boodaa,galma keenya irraa gara biraa nu hin geessu jedhan.
abdii kunnee akka dhaabbannu ,injifatamnee akka booddetti deebinu nun taasisu.
yeroo kamuu caalaa humna keenya sassabnee akka dhaabbannu nu taasisa jedhan.
mootummaan filannoo jiru hunda fayyadamee hudhaawwan jiran hunda ni furas jedhan Dr.Abiyyi.
humnoonni nageenyaa gara balaan kun itti uumamee imalanii jiru,tarkaanfis fudhachuu eegalaniiru. yeroo itti aanus nageenya uummataa egsisuuf mootummaan gahee mootummaa kutannoon ni baha.
Mootummaan rakkoo kana hundee irraa furruuf tarkaanfii fudhatu hayyoonni,paartileen siyaasaa,qaamoleen nageenyaa fi kanneen biroos tarkaanficha akka deeggaran waamichan dhiheessa jedhan.