Asoosatti namoonni walitti bu’iinsa kakaasuun himatan 32 adabbii hidhaa waggaa 7 hanga waggaa 21tti adabaman

53

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2013 (TOI) – Manni Murtii olaanaa Federaalaa namoota Waxabajjii 2010 magaalaa Asoosaatti walitti bu’iinsa uumuun himataman 32 addabbii hidhaa wggaa 7-21n adabuu himame.

Waxabajjii 16- 18, 2010 walitti bu’iinsa uumameen magaalaa Asoosaatti lubbuun namoota 17 darbuu fi qabeenyi hedduun barbadaa’uu Abbaan Alangaa Waliigalaa beeksiseera.

Abbaan alangichaa namoota dhimmicha waliin hidhata qaban 32 irratti himata baneera.

Manni Murtii olaanaa Federaalaa dhaddacha naannawaa 1ffaa magaalaa Asoosaa fi naannawaa ishee qaamolee dhuunfaa kanneerratti murtee balleessummaa dabarseera.

Manni murticha dhaddacha har’a ooleen himatamtoota kanneen irratti adabbii hidhaa waggaa 7 hanga waggaa 21 murteesseera.

Namoota kanneen keessaa 15 bakka hin jirretti adabbiin kun irratti darbeera.

Dabalataan Manni murticha qaamoleen kunneen adabbii isaanii erga xumuratanii waggoota walitti aanaan 3f mirga dimokirasii kamiiyyuurratti akka hin hirmaanne adabuu himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015