Boruu kan xumuramu filannoon preezdaantummaa Ameerikaa lammiileen miiliyoonni 91 sagalee laataniiru

80

Finfinnee, Onkololeesa 23, 2013 (TOI)- Boruu kan xumuramu filannoon pireezdaantummaa Ameerikaa lammiileen miiliyoonni 91 sagalee laataniiru.

Pireezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampii fi morkataan isaanii Joo Baayidaan bulchiinsota garaagaraatti imaluun duula na filadhaarrati argamu.

Yaada uummanni lateen kaadhimaamaan deemikoraatotaa Joo Baayidaan dursaa jiraachuu raagaleen ni muul’dhisu.

Tiraamp bulchiinsoota Ayiwaa, Michigaan, Noorwaay Kaalifoorniyaa, Jorjiyaa akkasumaas Filooriidaatti duula na filadhaa gaggeessaniiru.

Haasaa Waashingitanitti taasisaniin bulchiinsa isaaniitti diinagdeen ammaa kan yeroo kamii caalaa guddateera jedhan.

Akkasumaas bara filannoo isaanii dura dhaabbileen oomishaa konkolaataa akka hin turree ibsuun yeroo amma kanas warshaaleen banameera jechuun dulaa isaanii gaggeessaniiru.

Deeggartoota isaaniitin vaayrasii koroonaa ilaalchisee filannoo lamaa qabdu 1ffaan biyyaatti cufuuf kan barbaaduu Joo Baayidaan filachuu kan biroon ammoo weeraricha to’achuuf kan dandeessiisu talaalliidhaniru.

Gama biraatiin Ameerikaa Sanbataa qofaa namoonni kumni 99 vaayrasii koroonaatin qabamaniiru.

Itti gaafatama dhaabbata dhibee daddarboo Ameerikaa Antooniyoo Fachiim, bulchiinsi Tiraamp weeraricha to’achuu dhabuusaaf qeeqaniiru.

Joo Baayidaan gama isaaniitiin, bakka dhalootaa isaanii Peensiilvaaniyaatti imaluun duula na filadha gaggeesaniiru.

Peensiilvaaniyaatti filannoo preezdaantuumma 2016 Tiraamp mocha’uun isaanii kan yaadatamuu yoo ta’u, yeroo amma kana biyyattitti Baayidaan dursaa jiru.

Baayidaan Peensiilvaaniyaatti deeggartoota isaaniitin haleellaa gurrachootarra ga’aa jiru ibsun, Tiraamp weerara vaayrasii koroonaa to’achuu hin dandeenyee jedhaniiru.

Baayidaan weerarichaan gurrachoonni hedduun lubbuu isaanii akka dhaban ibsuun, Tiraamp weeraricha ittisuuf daandiin irra imalaan adeemsaa yakkamaati jedhaniiru.

Maddi:-CNN fi BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015