Balaa konkolaata ga’een lubbuun namoota 15 darbe

153

Guraandhala 12, 2011  Godina Booranaatti balaa konkolaata ga’een lubbuun namoota 15 darbe

Guraandhala 12/2011 balaa konkolaataa ga'een lubbuun namoota 15 darbuu waajjirri dhimmoota koomunikeeshinii godina Booranaa beeksiseera.

Konkolaataan lakkoofsa gabatee Oro-61990 ta’e, godina Booranaa magaalaa Yaa’aballoo irraa gara naannoo kibbaa magaalaa Koonsootti kontrobaandii fe’ee saffisaan osoo imalaa jiru, konkolaataa wal harkisu lakkoofsi gabatee isaa ET- 53889 ta’e waliin walitti bu’uun balaan kun qaqqabeera.

Balaan kun aanaa Yaa’aballoo ganda Nyaaroo bakka Eela diimaa jedhamutti kan qaqqabe yoo ta’u, lubbuun namoota 15 darbuu waajjirri dhimmoota koomunikeeshinii godina Booranaa ga’e ni agarsiisa.

Madda: OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015