Bulchiinsi magaalaa Finfinnee magaalichaatti gamoowwan, iddoowwanii fi manneen abbuuman isaanii hin beekkamne argachuu beeksise

83

Finfinnee, Onkololeessa 23/ 2013 (TOI) - Bulchiinsi magaalaa Finfinnee magaalichaatti gamoowwan, iddoowwanii fi manneen abbuuman isaanii hin beekkamne argachuu beeksise.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee hojii seeraan alaa ittisuu fi gara seera qabeessatti fiduuf hojiiwwan garagaraa hojjechaa jiraachuu ibseera.

Gocha kana keessaa inni olaanaan weerara lafaa seeraan alaa fi ijaarsa seeraan alaa wayita ta’u, hojiiwwan seeraa alaa magaalichatti mul’atu adda baasuu fi odeeffannoo funaanuuf koree qindeessuu fi ummata hirmaachisuun baatii tokkoo oliif hojiin adda baasuu hojjetamuu kaaseera.

Hojiin hojjetameen gamoowwan, iddoowwanii fi manneen abbuuman isaanii hin beekkamne argachuu beeksiseera.

Korichi hojii adda baasuu hojjeteen arganoowwan gurguddoo irra ga’e ibseera.

Argannoowwan isaa keessaa karaa seeraan ala kan dalleeffamanii fi abbuumaan isaa kan eenyuu akka ta’e adda baasuu kan hin dandeenye iddoowwan, ijarsaawwaan karaa seeraan alaa ijaarsi isaanii eegalamee jiruu fi manneen abbuummaan isaanii hin beekkamnee fi gamoowwan argachuu beeksiseera.

Wajjirri kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksisa waamichaa baaseera.

Bu’uurumaa beksisichaan argannoowwanirratti murtoo murteessee tarkaanfii otuu hin fudhatiin dura, qamni kan kiyya jedhuu fi ragaa qabu Onkololeessa 23, 2013 eegalee giyyoota 3f raga isaa qabatee koree dhaabbate waliin walitti dhiyaachuun akka huubachiisu hubachiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015