Dooktar Abiyyii fi Jeneraal Abdulfataah Albuurhaan Paarkii Indaastirii Adaamaa daawwatan

57

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2013 (TOI) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Walitti qabaan Mana Maree Birmadummaa Sudaan Jeneraal Abdulfataah Albuurhaan Paarkii Indaastirii Adaamaa daawwatan.

Guyyaa har’aa daawwannaa hojiif magaalaa Finfinnee kan galan Walitti qabaan Mana Maree Birmadummaa Sudaan Jeneraal Abdulfataah Albuurhaan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad waliin ta’uun Paarkii Indaastirii Adaamaa daawwataniiru.

Jeneraal Abdulfataah Albuurhaan turtii daawwannaa hojii guyyoota lamaaf Ityoophiyaatti taasiisaniin Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad waliin dhimmoota waloo fi naannichaarratti ni mari’atu jedhamee eeggama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015