Har'a Naannoo Sumaaleetti ijaarsa daandiiwwanii km 300 ta'aniifi birrii biliyoona 6 oliin hojjetaman jalqabsiifneerra jedhan ministirri muummee Dr. Abiyyi

72

Finfinnee Onkololeessa 19/2013(TOI)- Har'a Naannoo Sumaaleetti ijaarsa daandiiwwanii km 300 ta'aniifi birrii biliyoona 6 oliin hojjetaman jalqabsiifneerra jedhan ministirri muummee Dr. Abiyyi.

Isaan kana keessatti ijaarsi daandii Godee-Qallaffoo Lot -1, Godee-Hargallee lot fi Yaalee-Danaa lot-3 kan argaman yoo ta'u, ijaarsisaanii waggoota 4 keessatti xumurama.

Daamdiiwwan kunneen jiraartota naannichaa walqunnamsiisuun biratti magaalaa Godee giddugala misoomaa taasisuudhaan hidhata gabaa uumuuf kan dandeessisanidhas jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015