Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii marii Hidha Haaromsa Guddichaarratti taasifamu kan deeggaru ta’uu himame

53

Finfinnee Onkololeessa 18/ 2013(TOI) - Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii marii Hidha Haaromsa Guddichaarratti taasifamu kan deeggaru ta’uu himame.

Barreessaan Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guuterees akka jedhanitti mariin biyyoota sadeen Hidha Haaromsa Guddichaarratti taasisan Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii kan deeggaru ta’uu himaniiru.

Barreessaa Olaanaan Dhaabbatichaa Antooniyoo Guterees haasaaa bilbilaan Durataa’aa Gamtaa Afrikaafi Pireezidaantii Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaa waliin taasisaniin akka jedhanitti: Dhaabbatichi marii Itiyoophiya, Sudaanfi Ijipti dhimma Hidha Haaromsa Guddichaa irratti taasisaniif deeggarsa guutuu kan taasisu ta’uu himaniiru.

Durataa’aan Gamtaa Afrikaa Siriil Raamaafoosaa gamasaaniin mariin biyyoota sadeen gidduutti taasifamu miira gaariin, jaalalaan , waliigalteefi yaada araaraan kan gaggeeffamu ta’uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015