Dura Taa’aan komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faaqii Maahimaat gidduugaltummaa Gamtaa Afrikaan kan gaggeeffamu firiin marii hidha haaromsaa gaarii akka ta’uu amantaa qaban ibsaniiru

66

Finfinnee, Onkololeessa 18/ 2013 (TOI) – Dura Taa’aan komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faaqii Maahimaat gidduugaltummaa Gamtaa Afrikaan kan gaggeeffamumarii hidha haaromsaarratti gammachuu qabaachuu ibsan.

Dura Taa’aan komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faaqii Maahimaat gidduugaltummaa Gamtaa Afrikaan kan gaggeeffamu firiin marii hidha haaromsaa gaarii akka ta’uu amantaa qaban ibsaniiru.

Rakkoo Afrikaanoota Afrikaanootaan furuu wayyaa yaadaa jedhuun marii sadeenii hidha haaromsaa giddugaltummaa Gamtaa Afrikaan akka ilaalamu ta’aa jirachuun beekkamadha.

Dura Taa’ichi mariin Ministeera Dhimma Alaa fi Ministeeroota Bishaanii Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts hogganummaa Gamataa Farikaan itti fufa jedhaniiru.

Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibtsi marii guyyaa kaleessaa gaggeessaniin, guyyoota 7 keessatti waliigaltee sadeenii gaggeessuf adeemsa waliigaltee fuula duraa fi dabaree yeroo irratti waliigaluun, dhimmoota garaagartee qaban irratti garaagartee dhiphisuu fi firii isaas Ministeera Dhimma Alaa fi Ministeeroota Dhimma Bishaaniif waltajjii fuulduraatti dhiyeessuf waliigalteerra ga’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015