Diyaaspooraan hidha haaromsaa fi Pirojaktoota maaddii biyyaaf Doolaara Ameerikaa miiliyoona 1.5 deeggaran

70

Finfinnee Onkololeessa 18/2013(TOI)- Lammiileen Itoophiyaa biyya garaa garaa jiraatanii fi dhalattoonni Itiyoophiyaa hidha haaromsaafi Pirojaktoota maaddii biyyaaf Doolaara Ameerikaa miiliyoona 1.5 deeggaraniiru.

Daarektarri olaantuu Eejensii diyaaspooraa Itoophiyaa Aadde Salaamaawiit Daawiit lammileen Itioophiyaa biyyaa alaa jirataan hojii hidha haaromsaa guddichaaf irratti hojjetamaa jiruu gama qulqullinaafi sadarkaa inni iraa jiru odeeffannoo gaha qabu jedhan.

Kanaaf lammileen Itiyoophiyaa Alaa jirataan deeggarsa taasisaa jirus jedhaniiru.
Bara bajata 2013tti waliigalan deeggarsa birrii miiliyoona 200 ol walitti qabuf hojjechaa jira jedhan Aadde Salaamaawiit.

Keessattuu piroojektii maddii biyyaaf bara kanatti deeggarsa birrii miiliyoona 50 walitti qabuuf karoorfanee hojjechaa jira.

Erga pirojektiin maddii biyyaaf ifa ta’ee as koree biyyaalessaa hundeessun gara hojiitti seenamuu himan Aadde salaamaawiitii.

Laammilee biyyoota garaagaraa keessaa jirataanis kaayyoo pirojeektiicha qaamanis ta’ee karaa toora inteerneetii hojii hubannoo kennamuu jiras jedhaniiru.

Hanga ammaattis Piroojektii maddii biyyaaf waliigalan lammileen kun deeggarsa kuma 200 fi kuma 80 ol deeggarsa taasisuu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015