Itoophiyaa,Ijiptii fi Sudaan marii sadanii har’a eegalan

66

Finfinnee Onkololeessa 17/2013(TOI)-Ministioonni dhimma alaa fi bishaanii Itoophiyaa .Sudaani fi Ijipti marii gama sadanii dhimma hidha laga abbayyaa adda citee ture har’a eegalan.

Mariin har’a karaa virchuwaalii egalame kun xalayaa ministirri deegarsa idiladunyaa afrikaa kibbaa fi hoji rawwachisaa olaanaa mana maree gamtaa afrikaa onkololeessa 11/2013 barressan bu’uura godhachuuni.

Haaluma kanaan ministiroonni bishaanif dhimma alaa biyyoota sadanii marii kana har’a waaree booda sa’aatii 10 irraa akka eegalan odeeffannoon ministira dhimma alaa irraa argame ni mullisa.

Mariin kun hogansa gamtaa afrikaan geggeeffamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015