Bosonni punduuniyaa karaa seeraan alaa ciramuun miidhaan irra ga’aa jira

Sooddoo Guraandhala 11/2011 godina Sooddoo bulchiinsa magaalaa jalatti kan argamu bosonni nam-tolchee muka baargamoo punduuniyaaa karaa seeraan alaa manca’uun miidhaan irra ga’aa akka jiru jiraattotni naannoo dubbatan.

Godinichatti jiraataa ganda Gaandaabaa kan ta’an ajajaa dhiibbaa Daawwit Abootaa Tajaajila Oduu Itoophiyaatti akka himanitti bosonichi hirmaannaa mootummaa fi uummataatiin eegamaa tureera.

Waggaa lamaa asitti qabiyyeen bosonichaa hatattamaan hir’achaa dhufuun gara baduutti dhiyaachuu isaa eeraniiru.

Bosonicharratti miidhaan manca’uu irra ga’aa ture uummatni ittisuuf yaalii gochaa turuu isaanii kan yaadatan ajajaan dhibbaa Daawwit, yeroo ammaakana irratti raawwatamaa kan jiru gochi seeraan alaa humna jiraattota naannootii ol ta’uu isaa hubachiisaniiru.

Waggaa shan dura waardiyyaa bosonichaa ta’anii tajaajilaa turuu isaanii kan dubbatan godinichatti jiraataa ganda Addisuu Oofaa seeree obbo pheexiroos Indiriyaas gama isaaniitiin waardiyoonni bosonicha eegan lakkoofsaan muraasa ta’uu baatus gargaarsi fooyya’aan uummata naannoo fimootummaan akka godhamaa ture beeksisaniiru.

Namoonni dhuunfaan waraqaa eenyummaa seeraa akka qaban fakkeessanii bosonicha keessstti hojjetaa bobbaasuun muka muruun konkolaataatti fe’anii yeroo deeman arguun gocha baratamedha.

Akka obbo pheexiroos jedhanitti warri bosonicha barbadeessan haala isaan ittimuka muran deebi’ee akka hin lalifnetti waan ta’eef dhimma isaa yaaddessaa godheera.

``jiraattotni naannoo qaama dhimmi isaa ilaallatuuf irra deddeebiin haa beeksisan malee qaamni deebii nuu kennu dhibuun gochicha caalaatti akka itti fufu taasiseera`` jedhaniiru.

Bosonicha ilaalchisee qo’annoo godhameen bosona kana ariitii kanaan mancaasuu itti fufnaan yeroo gabaabaa keessatti baduu akka danda’u beekamuu isaa kan ibsan ogeessa lubbu qabeeyyii kan ta’an obbo Barganee Biixaanaa dha.

Godina Walaayittaatti itti gaafatamaan waajjira eegumsa naannoo, bosonaa fi jijjiirama qilleensaa obbo zallaqaa Zaaraa akka jedhanitti godinichatti bosonaduraan ture irratti mancaatiin irra ga’aa jiru suukkanneessaa ta’aa dhufuusaatiin furmaata kan kennisiisu koreen tekniikaa dhaabbattee hojiitti galeera.

Yeroo ammaa kana uummataaf hojiin hubannoo kennuu hojjetamaa akka jirukan ibsan dura taa’aan,namoota gocha mancaasuu kanarratti bobba’aan adda baasaa akka jiranis eeraniiru.

Bosona punduuniiyaa mancaasanii muka isaa konkolaataa lamatti fe’anii imalaa kan turan namootni 8 qabamanii dhimmi isaanii mana murtiin ilaalamaa akka jiru ibsaniiru.

Hektaara kuma tokkoo fi dhibba lamaa ol kan uwwisu bosonni baargamoo punduuniyaa bara 1972 hanga 1976 keessatti hirmaannaa uummataa fi mootummaan boca kaartaa Afriikaa akka qabaatu ta’ee dhaabbachuun isaa beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015