Naannoo Affaar aanaa Iwwaanitti hoomaa awwaannisa mudatee ture to’annoo jala ooluu himame.

122

Finfinnee, Onkolileessa.17,2013(TOI) -Naannoo Affaar aanaa Iwwaanitti hoomaa awwaannisa mudatee ture to’annoo jala ooluu himame.

Guyyaa kaleeessa Miseensonnii Maree Bakka Bu'oota Uummataa Koreen dhaabbii Qonna, Horsiisee bultootaa, kunuunsa naannoo fi Hariiroo dhimma alaa fi nageenyaa waliin ta’uun haala sochiin hoomaa awwaannisaa Nannoo Affaar keessaa jiru daawwataniiru.

Daawwannaa kanaan naannoo Affaar Godinaa 4tti,aanaa Iwwaan hoomaa awwaannisaa mudate ture harki 90 ol to’atamus himameera.

Hoomaan awwaannisaa naannoo affaaritti haala baba’alacha tureen osoo tarkaanfiin hin fudhatamnee ta’e naannoo Amaaraa fi Tigraay miidhaa guddaa geessissuu danda’aa ture kan jedhan, koreen ittisaa hoomaa awwannisaa naannichaa Dr Ayyaalee Shuumataa

Gareen kun dabaltanis namoota balaa lolaan naannichaatti miidhaa guddaa irra gahees daawwataniiru.

Madda:-Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015