Itiyoophiyaatti baankoonni 18 mata duree 'kophee tokko barataa tokkoof' jedhuun deeggarsa Birrii miiliyoona 35 ol taasisan

82

Finfinnee, Onkololeessaa 16, 2013 (TOI) –Itiyoophiyaatti qindeessummaa waldaa baankootaan mata duree 'kophee tokko barataa tokkoof' jedhuun deeggarsa Birrii miiliyoona 35.3 taasisaniiru.

Itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aaddee Adaanach Abeebee waamicha bulchiinsaa magaalichaa fudhachuun baankoota deeggarsa taasisaan galateeffataniiru.

Baankoonni Finfinneetti argamanii fi dhaabbileen Inshuraansii diinagdee magaalichaa sochoosuu fi misoomni akka aariifatuuf shooraa olaanaa ba’achaa jiraachuu ibsaniiru.

Waamicha deeggarsa 'kophee tokkoo barataa tokkoof' jedhuun baankoonni 18 hojjettoonni Baankii Awaashii fi dhaabbanni Madiin Itiyoophiyaa waliigalaa deeggarsa Birrii miiliyoona 35 fi kuma dhibba 3 fi kuma 30 fi 711 taasisu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalicharraa argamee ni muul’dhisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015