Ityoophiyaanoonni tokko taanee Ityoophiyaaf haa dhaabbannu- Waajjira Muummee Ministira

43

Finfinnee, Onkololeessaa 14/ 2013 (TOI)- Ibsa Waajjira Muummee Ministirarraa laatame Ityoophiyaanoonni tokko taanee Ityoophiyaaf haa dhaabbannu.

Ityoophiyaa uumaa ishii abdattee tokkummaafi kutannoo uumata isheetin biyya ijaaramtedha, xiqqoo kennanii baayyee ishee ajajuu warra yaalan abdattee hin beektu; Lubbuu isaanii kennanii isheef ajajamuuf kan qophaa’an ijoollee ishiitti malee.
Ityoophiyaa kan uume rabbi; kan ijaaran immoo lammiileen isheeti.

Aarsaa lammiileen ishee kanfalan kanaan seenaa addunyaa ajaa’ibsiise hojjetteerti.

Seenaa ajaa’ibsiisaa kanneen yoo hojjettu michoota ishii waliin seenaa hojjetan qabdi; kun Ityoophiyaaf waan haaraa miti.
Garuu seenaan addunyaa kan mirkaneese dhugaan lama jira.Ityoophiyaa tuqee kan nagaan jiraate hin jiru kan jedhu kan duraati.

Ityoophiyaannonni tokkummaan kaayyoo tokkoof yoo dhaabbatan injifachuun isaanii hin oolu kan jedhu immoo isa lammataati.

Hidhi Haaromsaa Guddichi kan Ityoophiyaatti.
Ityoophiyaanotatu yaade , Ityoophiyaanotatu eegale, Ityoophiyaanotatu ijaare, Ityoophiyaanotatu xumura. kan kan hin oolledha.

Wanti nu baasu tokkummaadha.nuuf kan jiru nu ta’uu beeknee,dhimma keenyaaf numti mataan keenya biyya keenyaaf sif jirra jechuunii qabna.

Uummanni Ityoophiyaa biyya keenyaaf tokko taanee haa dhaabbannu;qormaanni guddaan kan alaa dhufu miti.

Qormaanni guddaan bittinoofnee rakkicha yoo ittisuu yaalledha.

Eenyumtuu nu bitee hin beeku.gara fuula duraattis eenyumtuu nu hin bitu.

Harkoonni Seenaa hojjetan har’as jiru. Ityoophiyaafi uummanni ishii jaalattoota isaanii kabajuuf malee diinota isaaniif ajajamuuf jilbeeffatanii hin beekani.

Har’as gara fuula duraattis hin goonu. irree keenya yaa jabeessinu.gateettii keenya yaa bal’ifnu.onnee keenyaan yaa kutannu.

Aggaammii keessaafi alaa nurratti raawwatu injifannee ce’uun nuf haaraa akka hin taane haa mirkaneessinu. waan yaadne milkeessuuf kan nu daangessu danda’u humni dachee kanarraa tokko hin jiru.

Tokko taanee gaachanni qabannu warra gurguddaa ofiin jedhan hunda ittisaa kan jiraatedha.

Har’as gaachana sana tokkummaan haakaafnu.hundumti keenya bakka jirrutti biyya keenyaaf sa’aatii 24 waardiyyaa haa dhabbannu

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015