Hawaasni Afilaa tooksiinii (Aflatoxine) olaanaan irratti kan argame oomishaalee dhadhaa lawuzii 14 ta’an akka hin fayyadamne Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Too’annoo Qorichaa Itiyoophiyaa beeksise

71

Finfinnee, Onkololeessa 13.2013(TOI)-Hawaasni Afilaa tooksiinii (Aflatoxine) olaanaan irratti kan argame oomishaalee dhadhaa lawuzii 14 ta’an akka hin fayyadamne Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Too’annoo Qorichaa Itiyoophiyaa beeksise.

Abbaan Taayitichaa qoo’annaa fi hordofii taasiseen omishaalee kana irratti Afilaa tooksiinii (Aflatoxine) olaanaan argamuu ibseera.

Dhaabbilee dhadhaa lawuzii kanneen oomishan tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuuf oomishitoota argachuu akka hin dandeenye beeksiseera.

Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Too’annoo Qorichaa Itiyoophiyaa dhadhaa lawuzii faayidarraa akka hin oole dhorke;

Dhadhaa lawuzii Misiraaq
Dhadhaa lawuzii Saaraa
Dhadhaa lawuzii Daanaa
Dhadhaa lawuzii Sagan
Dhadhaa lawuzii Arhiibuu
Dhadhaa lawuzii Rajaat
Dhadhaa lawuzii Itiyoo
Dhadhaa lawuzii Tsiyoon
Dhadhaa lawuzii Maaharuun
Dhadhaa lawuzii Laaviilii
Dhadhaa lawuzii Innaat
Dhadhaa lawuzii AF
Dhadhaa lawuzii Ocholonii Maanaa
Dhadhaa lawuzii Hiiraa fa’i.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015