Oomishaalee fi meeshaaleen yaalaa qulqullina isaanii hin eegganne gara biyya keessaa akka hin galle dhorkaman

95

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2013 (TOI) – Oomishaaleen nyaataa fi meeshaaleen yaalaa sadarkaa qulqullina isaanii hin eegganne Birrii biiliyoona 13 olitti tilmaaamu gara biyya keessaa akka hin galle dhorkaman.

Oomishaaleen nyaataa fi meeshaaleen yaalaa sadarkaa qulqullina isaanii hin eegganne Birrii biiliyoona 13 olitti tilmaaamu gara biyya keessaa akka hin galle dhorkamuu Abbaan Taayitaa Too’annoo Nyaataa fi Qorichaa Itiyoophiyaa beeksise.

Meeshaalee fi oomishaaleen kunneen kurmaana darbe kanatti gara biyya keessaa akka hin gallee dhorkame.
Akkasumasa gosti nyaataa 14 gara biyyaa akka hin galle dhorkamuus Abbaan taayitichaa ibseera.

Meeshaalee yaalaa gara biyya keessaa akka hin galle dhorkaman keessaa haguuggiin fuulaa, harkaa fi meeshaan sakkattoo hoo’aa isaan muraasa.

Maddi:- EBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015