Mootummaan Chaayinaa meeshaalee ittisaa weerara dhibee vaayirasii koronaatiif oolan gara garaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif gumaache - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan Chaayinaa meeshaalee ittisaa weerara dhibee vaayirasii koronaatiif oolan gara garaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif gumaache
Finfinnee Onk.13/2013(TOI) - Mootummaan Chaayinaa meeshaalee ittisaa weerara dhibee vaayirasii koronaatiif oolan gara garaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif gumaache.
Yeroo rakkoo waliin walcinaa dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu isaatiin Itoophiyaatti Chaambariin Daldalaa Chaayinaa, magaaloota Chaayinaa kutaa biyyaa Jiyaangsuu fi Niinsiyaa Huuy jedhaman waliin qindaa'uun meeshaalee ittisa weerara dhibee vaayirasii koronaatiif oolan fi meeshaalee yaalaa gumaachu,Imbaasii Chaayinaa Itoophiyaatti gorsituun ministeerichaa Maadaam Liyuu ibsan.
Meeshaleen gargaarsaan kennamaniis,veentilataroota 20,'humidifier' hargansuu 5, maaskii afaanii fi funyaanii 350,000,uffannaa ogeeyyii fayyaa 4,000 fi meeshaalee yaalaa birooti.
Sirna walharkaa fuudhiinsaa kanarratti kan argaman pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa,obbo Shimallis Abdiisaa, Itoophiyaa fi Chaayinaan hariiroo diinagdee fi walgargaarsaa cimaa qabaachuu isaanii eeruun, deeggarsa naannichaaf godhameef maqaa ummata naannichaatiin galateeffataniiru.
Oromiyaan carraa invastimantii olaanaa qabaachuu ishii kan ibsan pireezedaant Shimalliis,kaampaanoonni Chaayinaa gara Itoophiyaatti dhufuun hojii invastimantii irratti akka hirmaataniifis waamicha dhiyeessaniiru Jedha gabasni OBN.
Meeshaaleen gargaarsaan argaman kunneen bittaadhaan odoo ta'e maallaqa guddaa kan gaafatan akka ta'e fi weerara vaayirasiichaa Oromiyaa keessatti yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiru ittiisuuf kan gargaaru ta'uu Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr.Mangistuu Baqqalaa ibsaniiru.
Weeararichi yeroodhaa gara yerootti dabalaa, miidhaa hamaa dhaqqabsiisaa waan jiruuf hawaasni osoo of hindagatiin of eeguu akka qabuus dhaamaniiru.
Qaamolee gargaarsa kennaniifiis bekkamtii fi kennaan uffata aadaa Oromoo gumaachameera.