Ityoophiyaa bara baajata darbetti 6% guddina galmessifte

68

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2013 (TOI) – guddinni dinagdee Ityoophiyaa bara baajata darbetti 6% guddina galmeessisuun ibsame.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad gaaffiiwwan miseensoota mana maree bakka bu’oota ummataa irraa dhiyaateef ibsa laataniiru.

Ityoophiyaan bara baajata darbetti 6.1% guddina diinagdee galmeessuu muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad beeksisaaniiru.

Bara darbeetti dameewwan baankoota baayyateera; lakkoofsi dameewwanii 18% guddachuu ibsaniiru.

Dooktar Abiy baayyachuun dameewwanii jijjiira guddaa fideera jedhan.

Bara darbe lammiileen herreega baankii qaban miiliyoona 38.7 ture. Wayita ammaa garuu lammiileen miiliyoona 50.7 herreega banachuu himaniiru.

Kuni qofti 31% guddina galmeessuu ni argisiisa jedhan.

Baankonni qusannaan Birrii tiriiliyaana 1 walitti qabaniiru. Qabeenya walitti qabameerra 60% kan ta’an Finfinnee kan argamurraati.

Oromiyaa irraa 13.7% , Amaaraarraa 7.3%, Kibbarra 5.2% yoo ta’u kan hafe naannoleee biro irraa walitti kan qabamedha.

Maallaqa bara kana walitti qabamee keessaa Birriin biiliyoona 200 fi biiliyoona 71 baankoonni liqeessaniiru.
Kana keessaa 70% seektara dhuunfaaf kan laatamedha.

Dameewwan weerarri vaayrasii koroonaa dhiibbaa irraan ga’ e jira jedhaniiru.

Kanneen keessaa geejjibni guddina irraa eegamu 21% gaddi aanaa muldhiseera.

Barnoonni 1.8% qofa kan guddate.

Tajaajjilli ummataa 2.3% qofa guddina agarsiise.

Turizimiin 9% kufeera.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad mootummaan tajaajila turizimii fi hoteelaaf midhaa sababa koronaan irra ga’eef liqaa Birrii biiliyoona 3.3 mijjeesseera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015