Dinagdeen Itoophiyaa bara darbe 6.1 ta'uu Ministirri Muummee dooktar Abiy Ahamad himan

121

Finfinnee, Onkololeessa 9/2013(TOI)-Dinagdeen Itoophiyaa bara darbe 6.1 ta'ii Ministirri Muummee dooktar Abiy Ahamad himan

Ministirri muummee kana kan himaan walgahii Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI walga’ii 5ffaa bara hojii 6ffaa walga’ii addaa 1ffaa geeggessaa jiru irratti argamunidha.

Kanaan dura haasaa baniinsaa Preezdaanti Saahilawarqi Zawdee maana maree lamaaniif taasisaan ka’umsa godhachuun miseensoota mana maree irraa muummee ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadiif gaaffiiwwan garagaraa dhiyaateera.

Ministirrii Muuummee Dooktar Abiyyi Ahamad deebii gaaffii miseensota mana marichaa irra dhiyaateef yeroo deebisanis Itoophiyaan bara 2012 guddina dinaagdee harka 9 guddachuuf kaaroorfattee turte. Ta'uus sababaa rakkoo vaayirasii koroonaa umeen guddinni dinagdee Itoophiyaa harka 6.1 ta'uu komishiinii karoora misooma biyyatti wabeeffatanii dubbataniru.

Bara darbeetti dameewwan baankoota baayyateera; lakkoofsi dameewwanii 18% guddachuu ibsaniiru.

Dooktar Abiy akka jedhanitti baayyachuun dameewwanii baankiwwanii jijjiira guddaa fideera. Bara darbe lammiileen herreega baankii qaban miiliyoona 38.7 ture. Wayita ammaa garuu lammiileen miiliyoona 50.7 herreega baankii banachuu himaniiru.

Kun qofti 31% guddina galmeessuu ni argisiisa jedhan.

Baankonni qusannaan Birrii tiriiliyaana 1 walitti qabaniiru. Qabeenya walitti qabameerra 60% kan ta’an Finfinnee kan argamurraati. Oromiyaa irraa 13.7% walitti qabameera. Amaaraarraa 7.3%, Kibbarra 5.2% yoo ta’u kan hafe naannoleee biroo irraa walitti kan qabamedha.

Maallaqa bara kana walitti qabamee keessaa Birriin biiliyoona 200 fi biiliyoona 71 baankoonni liqeessaniiru. Kana keessaa 70% seektara dhuunfaaf kan laatamedha.

Dameewwan weerarri vaayrasii koroonaa dhiibbaa irraa ga’ e jira jedhaniiru.

Kanneen keessaa geejjibni guddina irraa eegamu 21% gaddi aanaa muldhiseera.
Barnoonni 1.8% qofa kan guddate.

Tajaajjilli ummataa 2.3% qofa guddina agarsiise.

Turizimiin 9% kufeera.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad mootummaan tajaajila turizimii fi hoteelaaf midhaa sababa koronaan irra ga’eef liqaa Birrii biiliyoona 3.3 mijjeesseera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015