Itiyoophiyaa fi Kaazaakiistaan misooma damee Paarkii Indaastiriirratti waliin hojjechuuf mari’atan

89

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (TOI) - Itiyoophiyaa fi Kaazaakiistaan misooma damee Paarkii Indaastiriirratti haala waliin hojjechuun danda’amurratti mari’achuu Koorporeeshiniin Misooma Paarkii Indaastirii beeksise.

Hojii raawwachiisaa olaanaan Koorporeeshinii Misooma Paarkii Indaastirii Itiyoophiyaa obbo Saandookaan Dabbabaa Ambaasaaddar Kaazaakiistaan Baarliibaay Saandiikoov waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota daldalaa, invastimantii, abbootii qabeenyaa hawwachuu fi misooma invastimantii haala jajjabeessun danda’amurratti marii taasisaniiru jedhame.

Obbo Saandookaan sosochii Paarkii indaastirii fi carraa misooma invastimantirratti haala waliigalaa jiru ibsa laataniiru.

Haala muuxxannoo damichaan jiru waljijjiiruun danda’muratti yaada waliif qoodaniiru.

Ambaasaaddar Saandiikoov gama isaaniin Ityoophiyaa fi Kaazaakiistaan buufata galaanaa dhabuun isaanii wal isaan fakkeessa jedhan.

Ambaasaadarichi Paarkii Indaasitirii Boolee Lamii fi Adaamaa daawwataniiru.

Hojii gaggeessitoota fi abbootii qabeenyaa Paarkii Indaastirii kanneeniin waliin marii taasisuu isaanii ragaan koorporeeshinicharraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015