Seeraa maleessummaan hoggantoonni ABUT raawwachaa jiran muuxannoo siyaasaa isaan horattan waliin kan wal hin madaalledha – Hoggantoota partilee Morkatoota

56

Finfinnee onkololessa 2/2013(TOI)- Gochaan seeraa maleesumaa hoggantoonni ABUT rawwachaa jiran muxxannoo siyaasaa isaan qaban waliin kan wal hin madalledha jedhan hoggantoonni paartilee siyaasaa Morkaatootaa kan Tajaajilli Oduu Itoophiyaa dubbise.

Kabajaa fi fayidaa uummata Tigiraayiif jechaa hoggantoonni ABUT fi mootummaan federalaa maariidhan rakkoo jiru furachuu akka qabanis hoggantoonni kun himaniru.

Bu'uura heeraa mootummaa Ripabilikaa Dimokiraatawwaa Itoophiyaatti keyyata 102 muraa keyyata xiqqaa 1 tti Sadarkaa federalattis ta'ee naannootti filannoo geggeeffamu kan raawwachisuuf aangoon kan kennameef Boordii filannoo biyyaleeessati

Sababaa Vaayirasii koronaan Bordiin filannoo biyyaleessaa filannoo bara darbee geggeeffamuu qabu geeggessu hin danda'uu jechuu isaan filannichii bu'uura hiikaa seerattin darbee ture.

Ta'uus garuu mootummaan naannoo Tigiraay heeyyama boordii fialannoo biyyaleessa malee Qaammee 4/2012 filannoo naannoo geggeessera.

Hoggantoonni paartii morkatoota TOI dubbisees filannoon naannoo Tigiraayitti geggeffamee kun kan hoggantoonni ABUT seeraan ala geggeessanidha jedhaniru.

Gochaan Seeraa maleessummaan hoggantoonni ABUT raawwachaa jiran kun muuxannoo siyaasaa isaan horattan waliin kan wal hin madaalledhas jedhaniru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015