Piroojektiin tajaajila fayyaa dubartootaa fi sirna hormaatarratti hojjetu ifoome

70

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (TOI) – Meerii Istoopis Internaashinaal Itiyoophiyaa fi Pooppuleeshin Sarvis Internaashinaal Itiyoophiyaan Ministeera Fayyaa waliin ta’uun Piroojektii tajaajila fayyaa dubartootaa fi sirna hormaatarratti hojjetu ifoomsan.

Waggoottaan darban dhaabbilee deeggartootaa waliin ta’uun tajaajila karoora maatirratti hojii hedduun hojjetamuu Ministir deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa ibsaniiru.

Dargaggoota bultii ijaaran biyyattii keessaa %22 kanneen tajaajila karoora maatii guutuu hin arganneedha jedhame.

Dubartoonnii fi shamarraan tajaajila karoora maatii fi sirna hormaata loogirraa bilisa ta’e haqa qabeessaa fi beekkumsarratti hundaa argachuu akka qaban carraan hundi laatamuu qaba jedhan Dooktar Darajjeen.

Daayreektarri olaanaan Meerii Istoops Internaashinaal Ityoophiyaa obbo Abbabaa Shibbiruu gama isaaniin Piroojektichi rakkoo hawaasummaa dargaggootaf deebii kan laatuu fi barnoota isaanii xumuruuf carraa akka argatan sagantaa gargaaruudha jedhan.

Dargaggootarratti hojjechuun biyya ijaaruudha kan jedhan obbo Abbabaan, Meerii Istoops Internaashinaal Itiyoophiyaa fi Pooppuleeshin Sarvis Internaashinaal Itiyoophiyaan dargaggootarratti xiyyeeffachuun hojjetaa jiru jedhaniiru.

Piroojektichi deeggarsa maallaqaa tumsa mootummaa Kaanaadaarraa argameen raawwatama jedhame.

Dargaggoota guddattoota umriin 15-19 ta’aniif tajaalila laata jedhameera.

Naannolee 3 godinaalee 13 keessatti hojiirra kan oolu ta’uus ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015