Sudaanitti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Yibalxaal Ayimiiroo abbaa qabeenyaa Sudaan waliin mari’atan

70

Finfinnee, Onkololeessa 04,2013(TOI)- Sudaanitti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Yibalxaal Ayimiiroo abbaa qabeenyaa Sudaan waliin mari’atan.

Ambaassaaddar Yibalxaal Ayimiiroon, Itiyoophiyaatti hojiilee misoomaa hojjetamuuf adeemsarra kan jiran irratti dureessa Sudaan Wagidi Mirgaanii jedhaman waliin mari’ataniiru.

Dureesichi Dhaabbata ‘’Mahgoub Sons Group’’ jedhamu kan qabanfi hojii gaggeessaa dhaabbatichaa ta’unisanis himameera.

Akkasumas Sudaanitti hojii Invastimaantii gara garaa irratti hirmaachaa kan jiran yoo ta’uu, Itiyoophiyatti hojii invaastimaantii 3 kanneen akka uffataa, warshaa Qorichaa/faarmaasiiyuutikaali/ fi Zayita nyaata irratti hojjechuuf adeemsarra jiraachuusaanii himameera.

Dureesichii marichaarratti sadarkaa piroojektoonni irra jiran fi deeggarsa Mootummaa Itiyoophiyaarraa barbaachisu kan ilaallatu yaadasaanii dhiyeessaniiru

Ambaasaaddar Yibalxaal gamasaaniin piroojektoonni fulduratti gara hojiitti hanga ce’anitti Imbaasicharraa deeggarsa barbaachisu hundaa fi hordofiin akka taasifamu mirkaneessaniiru.

Madda; Sudaanitti Imbaasii FDRI irraa argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015