Atileetotaa geggeessan taasifame

122

Finfinnee, Onkololeessa 04/2013(TOI)-Sanbata dhufuu waldorgommii Walakkaa maaratoonii sadarkaa idil addunyaatti qopha'ee kan biyya Poolaanid Didiniyaatti taasifamurratti atileetota Itoophiyaa bakka bu'anii hirmaataniif geggeessan taasifamera.

Dorgommiin walakkaa maraatoonii kun onkolooleessaa 7/2013 yeroo 24ffaaf biyya Pollaanditti geeggeffama.

Atileetota Itoophiyaa bakka bu'anii fiigicha walakkaa maraatoonii kanarratti hirmaataniif Laga Xaafoo Lagaa Daadhiitti kan argamuu Hootela Xuruneesh Dibabaatti geeggessaan taasifamerafi.

Geggeessaa Atileetotaaf taasifame kanarrattis Pireezidantiin Itti aantuu Federeeshinii Atileetikiisii Itoophiyaa Komaandar Daraartuu Tulluu argamaniru.

Komaandeer Daraartuun dhaamsaa atileetootaf dhaamaniin hojii leenjiidhaan leenjitaan gareen taatanii hojjechuun agarsiisuun ijifannoon akka galtaan abdiin qaba jedhaniru.

Geggeessaa kanarraatti , atileetonnii, Leenjistoonniifi, maanajeroonnii adda addaa argamaniru.

Atileetonnii sagantaa geggeessa kanarratti argamaniis yaada kennaniin waldorgommicha injifachuuf qophii gaarii taasisuu isaanii dubbataniru.

Federeeshiin Atileetikisii Itoophiyaas atileetota Dorgommicharratti hirmaatan adda baasuuf ji'a tokkoof qopha'aa irratti hojechaa ture.

Maraatoonii walakaa biyya Poolanditti geggeeffamuu kanarratti salaa lamanirrayyuu Itoophiyaa bakka bu'anii atileetonni ni dorgomu.

Atileetoonni Itoophiyaa bakka bu'anii dorgommicharratti Hirmaatanis.,

Dhiirootan;
1. Haaylemaram Kiroos Kabbadaa
2. Anduwaleem Ballihuu Bartaa
3. Amdawariq Walaalliny Taaddasaa
4. Guyyee Adoolaa Idaamoo
5. Li'uul G/sillaasee Alamee

Dhaalan;
1.Yalamzaar Yaawohaa Dansaa
2. Naatsannat Guddataa Kabbadaa
3.Zayibaa Himaar Warquu
4.Abaabel Yashiineehee Birahaanee
5. Masaraat Golaa Sisaay filamaniru.

Maddi:- Federeeshinii Atileetikisii Itoophiyaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015