Damee albuudaan waggoota kurnaan dhufan keessatti invastimaantii kallaattiin alaa 500 hawwachuuf karoorsuun ibsame.

48

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2013 (TOI) - Waggoota kurnaan dhufanitti invatimantii kallattii alaa 500 fi invastimaantii biyya keessaa kuma 1 hawwachuuf karoorsuu Ministeerri Albuudaa fi Boba’aa beeksise.

Ministeerri Albuudaa fi Boba’aa dhaabbilee itti waamaama fi naannolee waliin karoora misoomaarratti marii’ateera.

Ministeerichi Ji’ooloojikaal Sarveey Ityoophiyaa, Koreporeeshinii Albuudaa, Gaazii fi Baayufiyuulii fi hoggantoota albuudaa naannoolee waliin karoora misoomaa waggaa 10, baajata 2013 fi rawwii hojii kurmaana jalqaba waggaa irratti magaalaa Adaamaatti marii’ateera.

Marichaan waggoota kurnaan dhufanitti invatimantii kallattii alaa 500 fi invastimaantii biyya keessaa kuma 1 hawwachuuf karoorsuu ibseera.

Dhaabbileen warqee kiiloo giraama kuma 100 fi kuma 27 aadaa fi intarpiraayzoonni ammoo kiiloo giraamaa kuma 10 oomishuuf karoorri qabamuu ka’eera.

Dabalataan dhaabbileen albuuda dhagaa adii meetri kiyuubii kuma 100 akka oomishaan ragaan Ministeera Albuudaa fi Boba’aa irraa argame ni muldhisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015