Weerara vaayrasii koroonaatin walqabatee Ityoophiyaan baajata damee fayyaa % 46 guddisteetti- Dooktar Abiy

52

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2013 (TOI) –Vaayrasii koroonaatin walqabatee Ityoophiyaan baajata damee fayyaa % 46 guddisushee Muummeen Ministira FDRI Dooktar Abiy Ahiman ibsan.

Dooktar Abiy sababa weerara vaayrasii koroonatin dhaabbileen tajaajila laataan, meeshaalee fi fedhii meeshaalee fayyaa eeguu dhuunfa dabaluun konfiraansii Faayinaashaal Taayims qophesseerratti dubbataniiru.

Marii viidiyoo konfiraansiin gaggeeffamerratti biyyoota Afrikaa hedduu keessaatti dameen fayyaa dagatamuu kan kaasaan Dooktar Abiy weerarri vaayrasii koroonaa ammoo hanqina keenya muul’iseera jedhan.

Baasiin dabalataa damee fayyaaf ooleen damee fayyaaf rimaddii baajata sadarkaa 4ffaarra akka ta’uu taasisera jedhan.

Bara baajata kanaanis damee fayyaaf Birriin biiliyoona 18.7 kan ramadame yoo ta’u, baajata bara duraarraa caalmaa Birrii biiliyoona 12.64 qaba jedhameera.

Sadarkaa idil addunyaatti dhiibbaa weerarri vaayrasii koroonaa qaqqabsiseen biyyonni Sahaaraa gadiitti argaman naamoonni vaayrasichaan qabamanii fi du’an cimaadha jedhamuu baatuus diinagdee naannoo haalaan hubuu himaniiru jechuun kan gabaase Rooyitarsdha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015