Magaalaan Chaayinaa Qingdao jiraattootashee hunda, miiliyoona sagal ta'aniif guyyoota shan keessatti qorannoo Covid-19 taasisufi

77

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2013 (TOI) - Magaalaan Chaayinaa Qingdao jiraattootashee hunda, miiliyoona sagal ta'aniif guyyoota shan keessatti qorannoo Covid-19 taasisufi.

Kunis erga hospitaala lammileen biyyoota alaarraa dhufan itti yaalamanitti namoonni baay’een Covid-19 qabamanii boodadha.

Chaayinaan kanaan dura jiraattoota magaalaa Wuhaan, ummata miiliyoona 11f qorannoo vaayrasii koroonaa taasiftee turte.

Biyyattiin tatamsa’ina vaayirasichaa haalan to’atteetti.

Akka maxxansa miidiyaa hawaasummaa Chaayinaa ‘Weibo’ jedhamurratti maxxanfameen, Komishiiniin Fayyaa Bulchiinsa Qingdao namoonni haaraa jaha kan mallattoo vaayirasichaa hin mul’isne argamaniiru.

Namoonni jaha kunis hospitaala tokko keessatti kan argaman akka ta’e ‘the Global Times’ gabaaseera.

Komishiniin Fayyaa magaalattii kun akka jedhetti namoonni 114,862 ogeeyyii fayyaa dabalatee vaayrasicharraa bilisa akka ta’an ibseera.

Namoonni haaraa Covid-19 qabaman kunis erga namoonni baay’een ayyaana ‘China Golden Week’ kabajuuf imalanii booda.

Kabaja ayyaana kanaan walqabatee namoonni miiliyoona 4.47 yeroo kana keessatti akka imalan Global Times bulchiinsa magaalattii waabeeffachuun gabaaseera.

Maddi:- BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015