Magaalota keessatti Walitti hidhiinsa hawaasaa qindeessuun hoogganuun yoo hin danda'amne fedhii jiraattotaa guutuun qormaata guddaa ta'a - Pirezidaanti Saahilawarqi

104

Finfinnee Guraandhala 9/2011 Magaalotatti walitti hidhiinsa hawaasaa qindeessanii hoogganuuf rakkoowwan mul'atan hiikuudhaan dhiheessii fedhii jiraattotaarratti hundaa'e wal simsiisuun yoo hin danda'amne rakkoo jiru caalmaatti kan hammeessu akka ta'e pirezidaanti Saahilawarqi Zawudee ibsan.

Pirezidaantiin kun magaalaa Jigjigaatti argamuudhaan mata duree 'ida'amuun badhaadhina magaalota Itoophiyaaf' jedhuun kabajamaa kan jiru foramii magaalotaa 8ffaa ifatti jalqabsiisaniiru.

Egzibiishinii magaaloonni magaalaa jigjigaatti argaman dhiheessan Pirezidaanti Saahilawarqi eebbisanii bananiiru.

Wayita ammaa bakki egzibiishiniin itti qophaa'e fuulduraaf dargaggootaaf bakka bashananaa magariisaa ta'ee akka tajaajilu dhakaa bu'uraa kaa'aniiru.

Rakkoolee magaaloota keessatti mul'ata hikuudhaan magaaloota jiraattotaaf mijaawaa taasisuuf hojjechuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Haasaa baniinsaatiin, foramiin magaalootaa amma ammaatti adeemsifamaa turan jijjiiramoonni gama bulchiinsa gaariitiin argaman hawaasaaf ifa kan itti ta'an akka turan Pirezidaantittiin yaadachiisaniiru.

Magaaloota keessatti namoonni daandiirratti kufanii bakka jiranitti, kenniinsi tajaajilaa bakka hin sirreeffamnetti magaalaa misoome uumuun akka hin danda'amne ibsanii, rakkoo kana hiikuuf cimanii hojjechuun akka barbaadu himaniiru.

"Kanaaf hatattamaa fi qulqullinaan hojjechuun yeroo barbaachisuu fi tokko taanee guddinaaf hojjechuun wayita barbaachisudha" jedhaniiru.

"Guddina magaalotaa mirkaneessuuf tokko ta'anii hojjechuun ni barbaachisa" kan jedhan pirezidaantiin kun, foramiin magaalootaa Itoophiyaatti adeemsifamu bu'aan bulchiinsa gaarrii ummataaf kan beeksifamuu fi hirmaannaan hawaasaa kan itti mirkanaa'u akka ta'e ibsaniiru.

Walii galtee biyyaalessaa uumuudhaanis mirkanaa'uun misooma waliinii bu'aa akka fidu yaadamee foramiin kun akka kabajamu taasifamuusaas beeksisaniiru.

Foramiin magaalootaa 8ffaan guyyoota walitti aanan jaa'aaf marii paanaalii fi egzibiishiniidhaan kan kabajamu yoo ta'u, Intarpiraayizii maayikiroo fi xixiqqaa kan sochoosaniif beekamtii fi badhaasa ni kenna.

Foramii magaalootaatiin magaaloonni muuxannoosaanii fooyyee qabu qabatanii kan dhihaatan waan ta'eef walirraa barachuuf carraa guddaa kan uumu aakka ta'e odeeffannoon ministeera misooma magaalaa fi konistiraakshiniirraa argame ni mirkaneessa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015